Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaa 5 jiraatta jedhamuus ani garu waggaa 20 jiraadheera


Obbo Masfiin Fayyisaa
Obbo Masfiin Fayyisaa
Vaayrasiin HIV gama hawaasummaa dinagdee fi kanneen boroon midhaa inni addunyaa irratti dhaqqabsisaa jiru guddaa dha.

Kanneen vaayrasii HIV waliin jiraatan keessaa tokko Obbo Masfiin Fayyisaa naannoo magaalaa Adaamaatti namoota vayrasii kana waliin jiraatan gargaaruun beekamu.

Umrii isaanii dargaggummaatti vaayrasii kanaaf saaxilamuu isaanii kan ibsan obbo Masfiin loogii fi moggaatti qabamuun namoota vaayrasii kana waliin jiraatan irra ga’u salphaa hin turre jedhu.

Booda garuu lubbuun du’a hin ooltu uummanni garuu waa’ee dhukkuba kanaa barsisuun qaba jechuu dhaan walgahilee sabaahimaa fi dooyyaa argamee maraan uummata barsisaa turan.

Gara biyya alaattis imaluun waa’ee dhukkuba Edsii kana barsisaa turan. Yeroo ammaa garuu hidhaa fi dararaa mootummaan Itiyoophiyaa na irraan ga’e baqadheen Amerikaatti godaane jedhu. Seenaa isaanii armaa gadiitti caqasaa.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00
Xurree marsariitii


Gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:58 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG