Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchootii Addunyaa Qilleensa Jijjiiramaa Deemu irratti Mari’achuuf Doha, Qataaritti Dabran


Addunyaan baruma baraan qilleensa isii oowwaa,qabbanaahaa gara dhabaa deemu kana maan goonaa jettee marii teetti. Mariin Sadaasa 26,2012 Doha,Qataaritti teettu tun 18essoo biyya 192 marii dhufa.

Qilleensa oowwu ykn jijjiiramu waan hedduutti jijjiira,baddaa ciranii balleessan,aara gurraachaa ykn aara hamaa makiinaa,warshaa,albuudaa fi waan hedduu keessaa bahu fa.Kana dhaabuuf muka dhaabuun fala tokko.
Afrikaan aaraa biyya guddattee nutti dhufetti qilleensa nurraa hammeessee horii nuu baasuu malani jedhanii biyya guddatte himatan.

Woma taateefuu warra gara Itoophiyaatii marii tana dhaquutti jiru keessaa tokkoo Dr.Girmaa Baalchaa,daarektera Fooremii Jijjiirama Qilleensa Itoophiyaati.Fedhiin Afrikaa fi Itoophiyaan maan jennaan, herregaan ykn yaadaan walii galanii akka walqixxee falmii jijjiirama qilleensa kanaa dubbachuu dandahuu jedha.

Addunyaan qilleensa oowwu kana harka shanii diqqeessuu feeti,malii diqqeessaniin ammoo garagar jira,warshaa diqqeessuulleen keessuma jirti.Wardhaa diqqeessuun ammoo biyya guddattee dhiba.

Itoophiyaan jijjiirama qilleensa kana akkamiin faluu dandeetti jennaan Dr.Girmaan.
“Yoo dandeettiin kiyya oli kahe muka dhaaba... teknoolooji argachuu qamna beekumsi keenna oli guddachu qabaa kana godhuuf ammoo horiin nu gargaaraa jedhan” jechuun fedhii Afrikaatii jedha.

Qilleensii jijjiiramu akka Dr.Girmaatti akka biyya Awurooppaa adoo hin tahin bisaan lafa jiraa dhiisii ka lafa jala jiraa,ka muka keessa jiraallee gossee Afrikaa duruu rooba irratti hirkattu rakkisa.

Falii qilleensa jijjiiramee oowaaa deemuun wallaanan guddaan akka ogeeyyotaatti muka dhaabanii qilleensa qabbanaahaa argatanii lafa qabbaneeffachuu, bulchootii addunyaa maan goonaa jedhanii Dohaa,Qataaritti dabran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG