Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Gamuma Gamaan Dorgommii Kubbaa Miilaatti Jirti Afrikaan Ammajii 19,2013 Jalqabdi


Dorgommii waancaa Afrikaa 29essoo Ammajii 19,2013 jalqabaniiF biyya 15 walti qophaahuutti,jiraa namuu ijoollee biyya alaati qabduun isin waamti harmeen jechuutti jira.

Warra dorgommii tanatti dhufaatii eegan gurbaa biyya Gaanaa ka kilabii biyya Ispainiitii taphatu Michael Esseine,nama dhalootana Morookioo Yuusuf EL-Arabii, gurbaa biyya Naayjeriyaa Odion Ighalo,fi Hassan Yebdal faa.

Gurbaa Ivory Coast Yaayyaa Turee faan warra nuun wallaanaaf isan eegan jedhanii keessaa haga tokko.Akka gabaasa biyya tanaatti qophii tana doolara miliyoona 452tti itti baha. Dorgommii tapha cufa nama haga kuma 49tti bahee daawwataa jedhanii eegan.

Biyya dorgommii Waancaa Afrikaatii dhuftu keessaa tokko Itoophiyaa,Tikeettii kuma 15 oli nuu kaahaa jette.Itoophiyaan ganna 30tii asitti waancaa Afrikaatif dabartee hin beettu.

Zambiyaan barana waancaa Afrikaa moohattelleen tikeetii kuma 10 dhaamatte. Perzdaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakob Zuumaa ammo Afrikaan kibbaa akkuma ganna lamaan duratti waancaa Addunyaa qopheessitee gurra dansaan galatte baranallee ta Waancaa Afrikaallee tanuma hojjachuu feeti jedha.

Dorgommii kubbaa miilaa Xaliyaanaa, English fi Ispeenillee qophii teenna ta hardhaa irraa caqasaa.

Adoo tana jennuu dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa ta bara 2013 tana biyya tamitti moohataa seetan?Me mala muraa nuu barreessaa.

Qophii Ispoortii Caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:43 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG