Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamma Humni Koo Danda’e Carraaquun Fedha


 Obsee fi Ijoollee
Obsee fi Ijoollee
Bakki jireenya ishee Kaaliforniyaa keessa kan ta’ee fi Nersii ta’uun kan hojjattu Obsee Taddasaa Luboo ijoollee Oromiyaa keessatti dhukkuba onneen rakkatan gargaaruuf carraaqaa jirti.

Ijoollee dhukkuba onneen jireenya isaanii guutuu rakkataa jiran kanneen dhukkubi isaanii jabaa ta’u isaa irraan kan ka’e biyya keessatti yaalamuu hin dandeenye kudha shan baatii saddeet dura gara Finfinneetti geessuun ilaalchiiftee turte.

Yeroo sana irraa jalqabdee biyya alaa keessatti kanneen ijoollee kana gargaaruu danda’an eega barbaadaa turtee booda ijoolleen sadii wal’ansa fayyaa baqaqsanii suphuu akka argataniif Obseen gara Hindiitti geessitee eega wal’aansistee booda gara biyyatti deebistee jirti.

Ijoollee sadan kana keessaa tokko kan umuriin ihsee waggaa saddeet ta’e Caaltuu Magarsaa onnee fi sombi ishee guutummaatti jijjiramuu akka qabuu fi wal’ansi akkasii biyyoota akka Amerikaa fi Awuroopaa keessatti malee iddoo biraatti kan hin danda’amne ta’uun itti himamee jira.
Caaltuu Magarsaa
Caaltuu Magarsaa


Lubbuu Caaltuu du’a irraa hambisuuf Obseen carraaqiin ishee itti fufeeera. “Waa’ee koo hin irraanfatiin” kan jedhu galfata Caaltuutu na harka jira jetti.

Gaaffii fi deebii Obsee Luboo
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG