Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Afrikaa Hedduutti Dorgommiif Afrikaa Kibbaatti Yaahuutti jira


Dorgommiin waancaa Afrikaa 19essoo Afrikaa Kibbaatti taphatanii biyya 16 walti qophaahuutti jira.Guyyaan FIFA-n,Fedireeshiiniin Kibbaa Miilaa Addunyaa akka biyyootii nama isaanii ka taphatu qopheeffadhaa fixadhaa jedhe guyyaa dheengaddaati,namuu nama isaa 23-23 filatee qixeeffate.

Biyyitii hagii tokkoo,ta akka IVORY COAST,faan ijoollee isaanii alaa qaban hedduu fidatan.Itoophiyaan dorgommiin duratti nafa oowwifachuu fi humna ufiillee haga ilaallachuuf amma Qaataar jirti.Biyyitii ganna 31 keessatti barana waancaa Afrikaatti dorgomuuf dabarte tun maan keessa jirti?

Akka obboo Mokonnin,Kuruu Itti Gaafatamaan Damee Ogummaa fi Teknikaa Federeshiinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa jedhetti gareen isaanii akka dansaa qopheefote.Taatullee nama hedduu alaa yaamanillee amma nama tokkotti garee tanatti dabalamee qophiitti jiraa jedha.

Itoophiyaan Naayjeeriyaa,Burkiinaa Faasoo fi Zaambiyaa waliin taphatti,hagam qophooftan jennaan “akka gaariitti qophoofnee..wanata barbaachisaa hunda guunneera..qabxii galmeessuuf deemna.”

Woma taateefuu ijoollee Afrikaa hedduutti dorgommii Waancaa Afrikaatiif Afrikaa Kibbaatti yaahuutti jira.

Gama kaaniin ammoo atilleetotii Itoophiyaa;Genzebee Dibaabaa,Geetaacho Tarfaasaa fi Faaxee Saaddoo dorgommi Biritishii fi Chaaynaa moohatanii badhaasa guurratan.
Genzebeen dorgommii qaxxaamuraa M5000 moohattee,Geetachoo fi Faaxeen ammoo maratoonii KM42 Chaayinaa,Jaamiitti dorgomanii horii guddaa badhaafaman.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG