Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Hiree Murteeffannaa Dura Uummatni Oromoo Bilisoomuu Qaba,” Dubbi-himaa ABO


Dhaabni siyaasaa haaraan hogganootaa fi miseensota ABO duraanii of keessaa qabuu fi Obbo Leencoo Lataan hoogganamu eega hundeessama isaa fi kaayyoo qabsoo isaa ibsee booda, Addi Bilisummaa Oromoo garee Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuu fi garee Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu of keessaa qabu immoo, “Har’as Boorus Biyti Teenya Oromiyaa, Uummatni Keenya Oromoo, Kaayyoon Keenyas Bilisummaa dha,” mata-duree jedhuun ibsa baase.
Dubbi-himaan Adda Bilisummaa, Obbo Boruu Barraaqaa, waa’ee ibsa kanaa gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “mata-dureen ibsa keenyaa kaayyoodhuma ABOn jalqabuma – bara 1976 irraa qabatee qabsoo isaa geggeessaa ture. Kanuma irra-deebinee uummata keenya hubachiisuuf jecha ibsa san baasne” jedhan.

Waa’ee mirga hiree-murteeffannaa uummata Oromoo irratti ejjennoon ABO maal akka ta’e gaafatamanii, dhaabni isaanii mirga hiree-murteeffannaa uummata Oromoo akka deggeruu fi sanaafis akka qabsaa’u eeranii, “garuu, uummatni tokko kan hiree ofii murteeffachuu danda’u yoo bilisummaa qabaate, yoo gama hundaan mirga guutuu argate qofa,” jedhan – Obbo Boruun.

Addi Bilisummaa Oromoo yoo qabsoo isaatti milkaa’ee sadarkaa murtii kennuu irra gahe, tarkaanfiin isaa itti-aanu maali? Ripublikii Oromiyaa gad-dhaabuu moo uummatni Oromoo Ripublikii Oromiyaa walaba gad-dhaabuu fi sirna dimookitaatawaadhaan uummatoota Itiyoophiyaa ka biroo waliin jiraachuu keessaa akka filatu carraa kennuu dha? Gaaffii jedhuuf ennaa deebisanis, “Addi Bilisummaa Oromoo akka dhaabaatti kaayyoon keenya Ripublikii Oromiyaa walaba utubuu dha. Garuu, san dura uummataaf mirga hiree-murteeffannaa kennina. Yoo uummatni “lakkii, saboota Itiyoophiyaa ka biroo waliin federeeshinii yokaan konfedereeshiin jiraachuu naaf wayya?” jedhe, murtoo isaa dura hin dhaabannu. Guutumaatti simannaaf,” Jedhu.

Toftaan qabsoo ABO bifa hundaan ta’uu ka dubbatan, dubbi-himaan dhaabichaa – Obbo Boruu Barraaqaa, “Garuu, irra-caalaa qabsoo hidhannootti fuuleffannee jirra. Mootummaa marii nagaa didee, qawween ukkaamsuutti bobba’e kuffisuuf mariin nagaa qofaa isaa hin hojjetu,” jechuun ibsan.

Gaaffii fi deebii guutuu as irraa dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:07 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG