Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhala Dhabuun Rakko Dhiraa moo Ka Dubartii ti ?


Gaa’ila tokko keessatti dhala godhachuun yeroo dadhabamu rakkoon kun kan Dubartii qofa akka waan ta’eetti ilaalamuun aadaa keessatti baratamaa dha.

Qorannaaleen saayinsii akka agarsisaniitti garuu lameenu rakkoo kana fiduuf carraatu jira.

Dhiiraa fi Dubrtiin gaa’ila dhaabbatan hanga waggaa tokkootti mucaa godhachuu yoo dadhaban gara ogeessaa fayyaa dhaqanii lameenuu ilaallamuu qabu jedhu ogeessi addaa kan waa’ee gadameessaa fi da’uumsaa Dr Taaddasaa Kitilaa.

Yeroo Dubartiin itti ulfaa’uu dandeessu adda baasanii baruun akkasumas umriin murteessaa akka ta’e dubbatamee jira.

Kan biraa maaltu ilaalamuu qaba? Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa.
XS
SM
MD
LG