Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lubbuun Biyyatti Galuu Qofa Feena.


Hokkarri Saa’udii Arabiyaa keessatti lammiwwan biyya alaa irratti qiyyaafate hammaachuu isaa irraan kan ka’e biyya ofiitti deebi’uuf carraaqaa kan jiran ta’uus hatattamaan kan milka’uu hin taane jedhu kanneen yaaddoo guddaa keessatti kufanii jiran.

Feedhiin galmaa’aatii biyya irraa dhuftaniitti isin deebifana jechuun eega nu galmeessanii booda lafa guyyaa ho’isaa nama gubuu halkan qorri isaa nama kotteessutti geessanii nu gatan jedhu kanneen raadiyoon sagalee Amerikaa haasoofsisee.

Humnaan gudeeddii hamaa dubartootaa fi shamarran irratti rawwatame dheessuun kanneen biyya ofiitti deebi’uuf harka kennataniis du’aa fi jireenya gidduu jirra jedhu.

Dubartoonni ulfaa kanneen da’anii baatii lama hin guunne akkasumas ijoollee kan qaban gaaga’ama kana keessa jiru. Gama kaaniin Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad jiru kan humnii ehamee maraan carraaqqii gochaa jiru akka itti fufeera jiru ibseera

Embaasiin kun Polisoota saa’uudii wajjin ta’uun lammiwwan Itiyoophiyaa lafa jiraaniitti dhaqqabuuf irratti hojjachaa kan jiran ta’u kan ibsan Obbo Ahmaad Xalahaa
Obsaan eeggatanii gara biyya ofiitti nagaan deebi’uun akkaan barbaachisaa ta’uu hubachisan. Hokkara Saa’udii keessatti giddu kana uumameen waluumaa gala lammiwwan Itiyoophiyaa sadii ajjefamuu Obbo Ahmaad ibsanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:17:54 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG