Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa: Dhimma Wal-falmsiisaa Ijoo


Kongirasiin Ummata Oromoo(KUO) fi Warraaqsi Federaalistii Deemokiraatawaa Oromoo (WFDO)n hundeeffama isaanii irraa jalqabee Afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessaa Itiyoophiyaa akka ta’uuf sagantaa siyaasaa isaanii keessatti tumatanii carraaqaa jiran. Gama kaaniin immoo DH.D.U.O/ADWUIn Afaan Oroamoo afaan hojii biyyooleessaa ta'uuf yeroon isaa hin geenye jechuun falme.

Kongirasiin Ummata Oromoo(KUO) fi Warraaqsi Federaalistii Deemokiraatawaa Oromoo (WFDO)n hundeeffama isaanii irraa jalqabee Afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessaa Itiyoophiyaa akka ta’uuf sagantaa siyaasaa isaanii keessatti tumatanii carraaqaa jiran. Gama kaaniin immoo, paartiileen lamaanuu hiree ofii ofiin murteffachu hanga cituutti ka jedhu kan heera biyyattii keyyata 39 irra ka’ame Oromoof hojii irra oolu hin qabu jechun balaaleffatu.

Kana malees sirni yokaan caasaan mootummaan Ethiopia ittiin ijaaramu akka amma ittiin hojjatamaa jiru sirna Paarlaamaan otoo hin taane sirna Prezidaantuymmaan akka tahuu qabu falmu, lameenuu. Paartiileen lamaan ejjennoo wal-fakkaatu otoo qabanii filannoo bara 1997 irratti mata mataatti dorgomuun barcuma wal saamaa turuun isaanii ni yaadatama. Amma garuu wal irratti dorgomuun kun wal-dadhabsuun umrii paartii biyya bulchaa jiruu dheeressuu yoo ta’e malee bu’aa nuuf hin qabu jechuudhaan barana walitti-dabalamanii Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) hundeeffatanii jiran. Sana boodas, paartiilee mormitootaa gurguddoo sabaafi sablammoota adda-addaa of keessaa qaban wajjin walitti-dhufuun gamtaa “Madrak” jedhamu hundeessanii filannoo baranaaf dorgomaa jiru.

Ijoo-dubbii gamtaan kun filannoo baranaaf qabatee dhiyaate keessaa tokko afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessaa Itiyoophiyaa gochuu kan jedhu. Kunis baay’ina ummata Oromoo, bal’ina lafa isaa, qabeenya dilbii naannawichi qabuu fi Oromiyaan handhuura biyyaa ta’uu ishii hubachuu irraa ka'uudhaan yaada kana irratti walii-gale, Gamtaan Medrek. Kana irratti hoogganoota Medrek keessaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa yaada kennaniin. "Waltajjii, Medrekii yokaan immoo Afaan Ingiliziitiin "Forum" ka jedhamu paartiilee saddeet of-keessaa qaba. Egaa nuyi warri achi keessa jirru maal jennee, Afaan Oromoo dhaa afaan uummata baay'ee ti. Afaan akkasii calluma jedhee afaanota keessaa akka tokkootti ilaalamuu hin qabu, afaan guddaa dha. Akkuma Afaan Amaaraa Afaan Mootummaa haa tahu. Akkas jechuun maal jechuu dha ennaa ilaalluu, afaan Mootummaa taanaan manneen barnootaa hunda keessatti ni barsiisama jechuu dha. Humnaan otuu hin taane abbaan-fedhe ani hin barbaadu barachuu isaa yoo jedhe dhiisuu danda'a. Garuu, baajetni ni ehamamaa, dhaabni isaa ni jiraataa, mana barnootaa motummaa hundumaatti ni barsiisama, afaan kun" jedhan.

Yaada dhiyaate kana ilaalchisee Dhabanni Dimokraasummaa Uummata Oromoo yokaan OPDOn hoo ejjennoo akkamii qaba?

Itti gaafatamaa waajiira kanaa kan ta’an Obbo Zelaalem Jamaanee telefoonaan argachuuf yaaliin guyyaa lamaaf gonee hin milkoofne.Garuu Obbo Mesfin Assefa Gaggeessaan hojii odeefannoo fi Qunnamtii uummataa, Biiroo Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa akkana jedhu. "Haala qabatamaa amma jiruun, biyyi keenya biyya sabaa fi sablammoonni saddeettamaa ol keessa jiraatanii. Afaan Oromoo afaan bal'aa Oromoo tahus afaan federaalaa goona jennee saboota hafan kaan irratti yoo dirqamaan ka feenu tahe guddummaa Afaan Oromoo kanaa ka duubatti harkisuu fi ka balleessu, akkasuma immoo, lola hin taane kan uumu waan taheef kana irratti ejjennoon dhaabni keenya qabu hamma afaan kun yeroon isaa gahee bakka hundatti babal'atuu danda'utti hojii irra oolchuun rakkoo tahuu isaa ifatti waan beekuf, hanga afaan kun guddatee sabaa fi sab-lammoonni saddeetama tahan martinuu haga dubbatanitti Afaan Oromoo afaan federaa gochuun akka sirrii miti ka jedhu." jedhan.

Falmii dhimma Federaalizimii irratti dhiheenya kana waltajjii dhaabbanni Raadiyoo fi Televizyiinii Itoophiyaa qopheessee turee fi waltajjii duula na-filadhaa adda-addaa irratti ADWUIn afaan kamiyyuu afaan biyyaa ta’uu kan danda’u, baay’ina ummataatiin otoo hin taane faaydaa dinagdee fi hawaasummaa cimaa yoo qabaate akkasumas fedhii sabaafi sab-lammootaa irratti hirkatee qofa ta’u qaba jechuun falmaa jira. Akka fakkeenyaattis afaan Amaaraa sirnoota darban keessa humnaan ummata Oromootti fe’amee ture maqaa dhahuudhaan doggora sana irra deebi’uu akka hin barbaadne dubbate. Medrek Herri Ethiopia keeyyaanni 39 akka hojii irra hin oollee falmaa Afaan Oromoo afaan hojii kan Federaalaa hata’u jechuun isaa wal faallessa jechun falma, IHADEG. Prezidaantii EDAPA Obbo Lidetu Ayyaaleew immoo dhimma kana irratti gaafatamanii ennaa deebisan "gama keenyaan afaanneen ilaalchisee yaadni keenya biyyattii keessa afaan hojii lama yokaan afaan biyyoolessaa lama yoo jiraate gaarii dha ka jedhu. Garuu, afaan km tahu qaba? ka jedhu lafa hin keenye. Haa tahu malee, qorannaan yoo geggeessame yokaan uummatni yoo mari'ate Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo filatamuu danda'u ka jedhu tilmama qabna. Garuu, murteessaan uummata." jedhan.

Xiinxaltoonni siyaasaas akka jednatti, Biyyoota sirna federaalizimiitiin bulan keessatti afaan tokko baay'ina ummata afaan sanan fayyadamuu irratti hundaa’ee afaan kan biyyaa ta’ee ittin hojjetamaa akka jiru tuquudhaan akka fakkeenyatis Swiizerlaandii fi Swiidiniin maqaa dhahanii yaada mormitootaa deeggaru.

Falmiin kun keessumattuu Oromiyaa keessatti filannoo baranaa murteessuuf humna cimaa akka qabu dubbatu, xiinxaltoonni siyaasaa . Yaada kam akka fudhatamuu fi mo’atu ka yeroon deebisu ta’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG