Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garreen Farra Shorokeessummaa Itiyoopiyaa Akeekkachiisa Kenne


Qaamotii ergaa shorokeessummaa qaban kan ittiin jedhe qabeenyaa mootumma fi dhuunfaa barbadeessuu irra darbanii miseensota poolisii fi humnootii ittisaa ajjeesan jechuu dhaan gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa beeksiseera.

Gareen kun nageenya uummataa fi sirni heeraa akka itti fufu gochuuf tarkaanfii seeraa fi madaalawaa ta’e kan fudhatu ta’uu ibsee jira.

Kaleessa galgala sa’a lama irrati ibsa TV Itiyoopiyaan kennameen gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa jeequmsa naannoo Oromiyaa keessatti uumame to’annaa jala oolchuuf uummatichi humnootii nagaa eegsisan waliin gochaa jiran jedhe cimsee akka itti fufu yaadachiise.

Dhimma nageenya naannoo Oromiyaa irratti ibsa kenne jedhamuun oduu darbe irratti akka tuqametti baatii sadaasa bara 2008 mootummaa naannoo Oromiyaa jalatti kanneen argaman manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa haga tokko keessatti barattoota Oromoo xiqqoo dhaan jalqabame kan jedhame sochii farra master plaanii Finfinnee har’a babal’achuu isaa ibsee jira.

Ibsi kun akka jedhutti barattoonni fuula duraan master plaanii Finfinnee mormuu dhaan dudduubaan garuu nageenyaa fi guddina biyyattii kanneen gufachiisan gareelee shororkeesotaa ta’uu isaanii ifatti kanneen ragaa ba’an irraa humnoota ajaja fudhatan waliin hariiroo akka qaban dubbata ibsi kun.

Kanaanis hookkarri kun gara magaalaalee fi mootummoota naannoo ka biroo akkasumas waaltaalee dhuunfaatti akka daddarban gochuu dhaan qabeenyaa mootummaa, kan abboota qabeenya dhuunfaa fi qonnaan bulaa hiyyeeyyii ta’an akka manca’u godhaniiru jedha.

Kana malees nagaa fi tasgabbii hawaasichaa eeguuf kanneen bobba’an miseensota Federaalaa fi Oromiyaa fi humnootii ittisaa irratti balaa du’aa fi qaamaa hir’achuu geessisan jedha ibsi kun.

Gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa humnootii hookkaraa fi shororkaa kan ittiin jedhe irratti tarkaanfii seeraa fi madaalawaa fudhachuu dhaan sirna heeraa biyyattii fi jireenya nageenyaa kan uummatichaa akka itti fufu kan godhu ta’uu ibseera.

Oduu dhuma wal fakkaatuun mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ka naannoo kanaa irratti ejjennoo inni qabu jechuu dhaan ibsa kennameen mootummaan gocha humnootii sirna dimokraasii diiguuf godhan kana dhaabsisuuf ol aantummaa seeraa mirkaneessuuf itti gaafatama heerri itti kenne bu’uura godhachuu dhaan kanneen hookkara kana adda durummaan qindeessan irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu akeekkachiiseera jedha ibsichi.

Naannoo Amaaraa Kaaba Gondar, Cilgaa fi Metemaa keessatti humnootiin farree ngeenyaa jeeqama uumaniin qabeenyaa fi nama irra miidhaan ga’uu isaa bulchaan naannoo Amaaraa obbo Gedduu Andaargaachew tuuta oduuf ibsa kennaniin ibsuu isaanii oduu kaleessa galgala TV Ityoopiyaa irratti dubbatameera.

Jeeqama uumame jedhame kana maal akka ta’e oduu sana keessatti hin ibsaminuu malee hariiroo uummata Amaaraa fi Qimaant jedhaman gidduu jiru irratti dhiibbaa uumuun isaa tuqameera.

Bulchaan naannoo Sanaa obbo Gidduu Andaargaachew humnootii farreen nageenyaa ittiin jedhan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru. Humnootiin Federaalaa fi kan mootummaa Naannoo humnoota uummata gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu dubbii tuqatan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu ajajameera.

Akkuma Kanaan naannoo naannoo keessatti walitti bu’iinsa uummata gidduutti akka uumamu karoorfame kana qaamotiin hammeessan irraa of qusachuu qabu. Kanneen gocha akkasii keessatti hirmaatanis seera duratti dhiyeessuu dhaan tarkaanfiin barbaachisu ni fudhatama.

Naannoo Oromiyaa keessatti lubbuu poolisii fi humnootii ittisaa akaksumas qabeenyaa irra miidhaan ga’e ilaalchisuun ibsi sun bal’inaan waan jedhe hin qabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG