Kamisa, Adoolessa 24, 2014 Local time: 17:04

Oduu

Taphattotii Kubbaa Milaa Eertiraa Dorgommiif Ugaandaatti Dabran Harka Kennachuu Hin Oolan

Soraa Halakee
— Addunyaan Dorgommii kubbaa miilaatti jirti.Taphattoota kubbaa miilaa Eertiraa ammoo hoteelii qabaniif keessaa dhaban.

Eeritaalleen akkuma biyya Afrikaa gama Bahaatii fi gama Jidduu dorgommii CECAFAtii Kampaalaa,Ugaandaatti dabarte.Taatullee akka itti gaafatamaan guddaan CECAFA, Nikolaas Musonilleenitti jedhetti jara kana gara isaan jiranii barbaadanii dhaban jedhanii poolisii fi bulchootii kubbaa miilaalleen barbaaduutti jiran.

“Taphattootii kubbaa miilaa Eertiraa fi doktorii jara wlaiin jirulleen 18 hoteelii qabaniif keessaa dhabee waan jedhaa.Akkuma dhageenneen itti gaafatamoota kubbaa miilaa Ertiraa fi poolisiilleetti himne.”

Taphattoota kubbaa miilaa Eeritaa keessaa 14tti hoteelii qabaniif keessaa dhabani harka kennachuu hin oolan jedhan.

Eeritaan tapha Zaanzibaariin waliin taphatte irratti 0-0,Maalaawwii waliin taphatte irratti ammoo 3-2 moohmate. Taphattootii biyya tanaa yoo hedduu akkanuma badan.
Mee qophii Ispoortii hardhaa tanaa wwww.voaafaanoromoo.com irraa nuu caqasaa.
This forum has been closed.
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one