Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horsiisee Bulaan Itoophiyaa Jila Isaa 14eessoo Ammajii 17 Jalqabduu Yaaballotti Yaahuutti Jira


Guyyaan Horsiisee Bulaa guyyaa lamaaf turu Ammajii 17,bara 2013tti Yaaballotti Jalqaba.Guyyaan kun guyyaa jireenna horsiisee bulaa irratti mari’atan,guyyaa jarii kun waan jireenna isaatiin wayyeeffate wal irraa baratu,ka gorsaa fi gargaarsa mootummaan kennuufillee itti argatu.

Aabba Boruu Godaanaa,Komishineera koomishiina Horsiisee Bulaa Oromiyaati.Jila tana barana maqaa maaniitiin ykn maan finnaa jettanii qopheessitan jennaan.
“Mullata kabajamoo obboo Melles Zeenaawwii,mullata innii horiisee bulaa naannoo hundaatii qabu hujii irra oolchuu…kanaan kabajama.”

Jireennii horsiisee bulaa akkuma ‘uulmaa fulaaa tokkotti dhukkubaa’ jedhanii silaafuu uulmaa waluma fakkaataa maan fa irraa baratan jennaan.

“Jireennii isaa wal fakkaataa,bultiin isaa wal fakkaattii, mootummaatto dabree xiyyeeffanno hin argannee tana jalaa ahufu tokkko tahuu qabaa,gurmaahuu qabaa,karaa misoomaa itti agarsiisuuf isaan waliin taahee rakkoo isaanii caqasee faluuf yaada isaanii hujii irra oolchuuf misooma isaanii hujii irraa oochanii akka innilleen jireennii isaa wayyaahuuf.”

Akka jecha aabba Boruutti horiisee bulaa jijjiiramii biratti mullatellee badhaasuu,warra waan dansaa hojjatanii danfaa isaanii karoora mootummaallee fudhatanii ufi wayyeessanii badhaauu.

Tana malee mootummaa guyyaa horsiisee bulaa kana irratti maqaa horiisee bulaatiin istaadiyoomii horii guddaan jaaruuf qophiitti jiraa jedhan.

Gama kaaniin ammoo muummeen minsitera Itoophiyaa dhiyoo tana marii paarlaamaan waliin taahe irratti mootummaan gatii gabayaa wayyeessuuf waan hedduu hojjatee akka gatiin zayitii,qamadii fi sukkaaraa hin dabalamne tolche jedha

“Oomsishii sukkaaraa harka 20 dabalee waan hedduutti wayyaahe. Wannii xaafiin biyyatti diqqaatteef waan namii hedduun soora isaa keessatti xaafii dabalachuutti jiruuf”
Gama kaaniin ammoo ganna lamaan dhufaatti Finfinneef geejjiba baaburaa qopheessuuf itti jiranii jedha.

Tana maleellee Obboo Hayilee Maariyam akka namii seera malee biyyaa yaahee rakkoo keessa ufi buusu misooma biyya keessa keessaa qooda qabaatee ufi wayyeessuu gaafate.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:46 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG