Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarraa Abba Gadaa Eenyu ?


Jaarraa Abbaa Gadaa
Jaarraa Abbaa Gadaa
Qabsaa’ota bilisummaa Oromoo angafoota keessaa tokko ka ta’anii fi maqaa “JAARRAA ABBAA-GADAA” - jedhamuun ka baay’ee beekaman - ABDULKARIM IBRAAHIM HAMIID dhuma torban dabree irra YEMEN keessatti du’aan boqochuu isaanii beekamee jira.

Jaarraa Abbaa - Gadaa Baha Oromiyaa, naannoo Gaara-Mul’ataa ka jirtu - ganda Mudiir Gooroo keessatti dhalatan. Jarraa Abba Gadaa wajjin qabsoo keessa turre ka jedhan keessaa Araarsaa Biqilaa akka jedhantti xumuura qabsoo eegalanii ituu hin argin du’aan boqochuun isaa kan nama gaddisiisu ta’uus seenaa gaarii hojjatee darbe waan ta’eef uummata Oromoo biratti yeroo mara yaadatama.

Jaarraa Abbaa Gadaa biyyaa ba’ee jaallewwan qabsoo ka biroo wajiin Eden dhaqanii deebi’uun gara oromiyaatti seenuuf ituu yaalanii qabame. Sana booda waggoota shaniif mana hidhaa Soomaaliyaa keessa ture eega ba’e booda bara 1975 Moqadishoo keessatti wal argine qabsaa’aa turre kan jedhan obbo Galaasaa Dilboo ti.

Gazexxeessaa Jaafaar Alii gama isaan nama seenaa guddaa akkasii qabu Jaarraa Abbaa Gadaa waliin gaaffii fi deebii gageessuuf bara 2008 keessa yeroon carraa argadhe galfati isaan kennatan kan dhala isaanii otoo hin taane kan saba isaanii ture jedhe.

Jaarraa Abbaa Gadaa nama dhala namaa maraaf mararfannaa fi jaalala guddaa qabu jedhu Obboleessi isaanii Dr. Nasraddiin Ibraahiim.

Gabaasaa guutuu armaan gad caqasaa.

Gaaffii fi Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:35 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG