Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyootiin Guddachaa jiran Wal’ansa Fayyaa fi Qulqullina Nannoo Dhabuun Midhamu


Biyyoota hiyyeeyyii ta’an keessatti dawaa ittiin ulfa hin barbaadamne ittisan argachuuf fedhiin jiru dabalaa yeroo jiru kanatti carraaqqiin ta’ee jiruu garuu xiqqoo ta’uu gabaasni haaraa ba’e hubachise jira.Qorannaan gaggeeffame akka agarsisuutti rakkoo kanaan daran kan miidhaman biyyoota guddataa jiran ta’uun ibsameera.

Kanaaf haadholiin iddoo lubbuu isaaniif sodaachisaa ta’e dhaqanii ulfa of irraa baasuuf dirqamaa jiru.Jireenyii qaala’aa yeroo deemuu ijoollee lakkofsaan heddu ta’an godhachuun rakko guddaa kan fidu yoo ta’u fayyaa dubartoota irrattis rakko geesisuu qaba.

Gama kaaniin uummata addunyaa irra jiru sadii keessaa harkii tokko qulqullina naannoo isaa foyyeessuun karoora miliyanamiif ka’ame bakkaan ga’u hin danda’an jedha gabaasnii haaraa ba’e.Akka amma jiruutti itti fufnaan uummanni Biliyoona 2.4 qulqullinni naannoo isaa haala hin eegamnee keessa jiraachuuf jira.

Caasaa qulqullina magaalaalee gurguddaa eegsisiiuuf maallaqa guddaan ba’aa yeroo jiru kanatti baadiyyaan keessatti garu wanni hojjatame tokko hin jiru jedhu.Bara 2011 odeeffanno Tokkummaan Mootummotaa baasee akka jedhutti addunyaa irratti uummanni Biliyoona tokko mana fincaanii hin qaban.Dirreeuuma irratti gargaaramu.

Isaan kana keessaa harka 90 kan ta’an baadiyyaa keessa jiraatu.Sababaa kanaan waggaa waggaan uummata miliiyoona 1.5 tu du’a.uummanni Afrikaa keessa jiraatu miliyoona dhibba ja’a mana fincaanii sirnaan ijaarame hin qaban kan jedhu gareen water Aid lakkofsii kun uummata ardittii keessaa dhibba irraa harka torbaatama jedha.
XS
SM
MD
LG