Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaatti Karaa Fi Buufata Doonii Qofaa Mitii, Gaala Horachuulleen Jireenna Namaa Wayyeessa


Gaallolee
Gaallolee
Biyyootii Miseensa Waldaa Addunyaa,WTO dhiyoo tana Jenevaatti koratan. Addunyaa tana akkamiin akka isiin akkaa dansaa wal irraa wa bitattee,walti gurgurattee jireenna ufi diqqaattullee wayyeeffatu mari’atan.

Akka kora biyyootii Afrikaa gama Bahaalleen keessa jiran jedhetti Afrikaan jireenna ummata isii wayyeessuuf karaa dansaa, buufata doonii dansaa fi mala biyyootii ollaa mi’a walti gurgurachuuf qabaatan dansaa qabaachuu wayya.Dubbii tana Daarektrii WTO,Dhaaba Daldala Addunyaa Pascal Lamyillee kora kana irratti jabeessee jedhe.

Akka Lamyn gaazexeessitota Naayroobii jiranitti himetti biyyootii Afrikaa gama Bahaa shananilleen daldala wayyeeffachuuf ittuma jiranii taatullee mi’a daarii biyya tokkootii taanitti dabarfachuun ammallee rakkoo guddoo qabdi guddoo qaaliillee.

“Hujii akka malee guddooti.Konmteenera ykn waan mi;a hedduu itti fa’an tokko Mombaasaa,Kigaalitti ykn ammoo Dar Es Selaamii Koongoo Dimokiraatittiiti dabarfachuun guddoo rakkoo,horii guddaa itti baafta.Faaydaan kun ammoo misooma biyyoota lamaaniituu gargaara.”

Hujii geejjibaa fi ta misoomaa wayyeessuun biratti ammoo biyyitii Afrikaa dursanii fedhii ummata bal’aa dursuu wayya.Waan itti aanaatti dabarra,gaalii horii jireenna addunyaa tanaa gama tokkoon jabeessee harkaa qabu.Bisaan dhuguullee baatu torbaan hedduu bisaan malee tura Warrii gammoojjii Afrikaa keessa jiraatu gaala irraa faaydaa guddaa argata.

Gaalii ganna kunrnya dabaran keessatti Keenyaatti keessatti guddoo horuutti jira.Namii aanan gaalaa dhugu cehelleen hin dadhabuu,gaalii baala muka hedduu waan nyaatuuf aanan gaalaa garaa nama dhiqanillee diqqeennaanuu dhagahaa guddanne.

Gatiin gaalaa amma fa guddoo ta loonillee ya caalte.Birrii kuma kurnya hedduu tahuutti jirti.Afrikaallee biyya gaalii itti horu tahaa deemumatti jirti.Laakkuma gaalii horaa dhufuun sanyaan gaalaa ta biyyaa alaalleen keessaan dhufti.Sanyiin haarahii dhuftu tun dhukkuba gaalaallee akkanuma fuutee dhufti.

Gaalii Keneyaa ka amma naanno Mplaatti qorachuutti jiran.Amerikaa kutaa Mizuurii jiru tokko waliin jalqaban.Gaalii dhukkuba akka akkaa qabachuu dandaha,dhukkubii kun nama aanan gaalaa dhugutti dabruullee hinuma dandaha.

Dhiba doktorootii Amerikaa Mizuurii faluutti jiran keessaa ingiliffaan: brucellosis, trypanosomiasis, fi Q fever jedhan. Dhukkubii kun ka qaraa horii salleessisiisa,ka lammeessoo dhukkaana horii guddachuu dhowwu,ka sadeessoo ammoo dhukkuba silmi irraa dhufu jedhan fa.

Akka Dr.Balakkoo Gumii jedhutti dhukkuba akkanaa kana horii irratti arganii jennaan yoosuma akimuu wayya.Walumattuu dhibi akkanaa namatti dabruu waan dandahuuf wallaanuun wayya.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:50 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG