Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aadaa Ofii Bal’isuu fi Beeksisuun Murannoo Gaafata


Dargaggoonni Kutaa Minisootaa keessa jiraatan baandii aadaa erga hundeeffatanii waggoota kudhanii ol ta’ee jira. Dargaggoonni kun barattoota sadarkaa lammaffaa fi Koolejii ti.

Yeroo isaanii ka barnootaa irraa hir’isuu dhaan walitti dhufanii aadaa isaanii lammiiwwan Biyyta alaatti beeksisaa jiru. Kutaalee Ameerikaa adda addaa irra naanna’uu akkasumas hamma Kaanaadaatti illee imaluu dhaan Uummati Oromoo eenyu? aadaan isaa hoo maal fakkaata isa jedhu kanneen hin beekne hubachiisuuf carraaqaa jiru.

Barnoonni keenya yeroo akka gaafatu beekna garuu yeroo qabnu kan dhuunfaa keenyaa irraa hir’isnee murannoon hojjechuu dhaan eenyummaa keenya beeksisuu qabna jedhu dargaggoonni kun.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:48 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG