Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakka Ofii Uumanii Ragaas Qophessanii Nama Adabu


Manni murtii Fedeeraalaa ka Iyiyoophiyaa Adooleessa 24 , bara 2013 lammiwwan Oromoo erga hidhamanii waggaa sadii ta’e irratti balleessaa muree tokko immo hidhaa waggaa sadii booda ragaatu dhabame jechuun gadhisee jira.
Paartii kongreesii Fedeeraalawaa Oromoof barreessaa kan ta’an Obbo Baqqalaa Nagaa akka jedhanti himannaan Oromoota guutuummaa biyyatti keessa jiran irratti dhiyaate Adda Bilisummaa Oromoo wajjin hojjatu shoroorkeessoota kan jedhu bira darbee waan haaraan hin jiru.

Oromoota murtiin balleessaa irratti kenname warra ammaa 21 keessaa harka caalaan bartoota yunivarsitii adda addaa kanneen umriin isaanii diigdamoota keessa ta’anii dha. Himannaa irratti dhiyaateef hidhamtoonni ragaa faccisaa yoo dhiyeessan illee manni murtii harkaa fuudhee ilaalu hin jiru jechuun ni danda’ama jedhu. Gama kaaniin himannaan dhiyaatan kan sobaa beekaa irratti hojjatamee dhiyaatan waan ta’aniif falmuun rakkisaa dha jedhan obbo Baqqaleen.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:08 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG