Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hosnii Mubarak mana hidhaatii ba’an garuu manaa akka hin baane ugguraman


HOSNII MUBAARAK
HOSNII MUBAARAK
Ministeerri murtii haqaa fi humnootiin naga eegumsa masrii akka jedhanitti manni murtii biyyattii presidentiin Masrii duraanii Hosni Mubarak hidhaa dhaa akka gad dhiisaman har’a ajajee jira. Mubarak warraaqsa uummataan aangoo irraa erga bu’anii booda waggoota lamaa oliif hidhaa keessa turan.

Abukaatoon Mr. Mubarak Fareed el-Deeb Reutersiif akka ibsanitti hogganaan duraanii kun hanga kamisa boriitti gad dhiisamuu malu.

Maanguddoon umuriin 85 Mubarak yeroo warraaqsa uummataa sana ajjeechaa raawwatame dhaabsisuu dhaban jechuun himataman. Manni murtii akka jedhetti kana booda hidhamanii turuu isaaniif ragaan seeraa tokko iyyuu hin jiru.

Jalqaba torban kanaa manni murtii Mubarak fi ilmaan isaanii maallqa uummataa mancaasan himannaa jedhu irraa walaba taasisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG