Xurree ittiin seenan

Breaking News

MLK:Yaadannoo Waggaa Shantammaffaa


Maartiin Luuter Kiing
Maartiin Luuter Kiing
Ayyaana waggaa shantamaffaa yaadannoo haasawa “Ani Mul’atan Qaba” jedhu, ka Maartiin Luutar Kiing Roobii Hagayya 28 bara 2013, ayyaaneffame irratti Prezidaantonni Yunaaytiid Steetes duraanii JimiiI Kaartar fi Biil Kliinton, akkasumas Artistiin Miidiyaa beekamtuun Opraa Wiinfrii kan argaman ta’uun beekamee jira.

Prezidaantiin Amerikaa Baraak Obaamaa Sadaasa 4 bara 2008, Prezidaantii gurraacha Ameerikaa isa jalqabaa ta’uun seenaa galmeessan. Obaamaan gaafa filataman sana guyyaa guddaa kanatti hojii raaw’anneen Ameerikaan jijjiiramtee jirti jedhan -.
Guyyaa sana Qabsaawaan mirga uummataa, Reverend Jeesii Jaaksan uummata keessa taa’anii haasawa OBAAMAA dhaggeeffataa turan. Gammachuun battala sanaa, deemsa keenyaan iddoo dhaqqabne guyyaa injifannoo guddaa itti arganne. Kun waan tilmaama keenyaa olii ture. Waan yaadne danda’amee argame jedhan

Reveraand Jesii Jaaksoon dargaggummaa isaaniitti, Maartiin Lutaar Kiing haasawa, “I have a dream” ykn “Mul’atan qaba” - jedhan sana, wagga shantama Har’aa bakka sana turan. “Mirga Hojii fi Bilisummaaf” jedhamuun hiriirri bara 1963, as Waashiingtoon keessatti geggeessame ka Dr. Kiing irratti dubbatan sun mirgi nama hundaa seera jalatti wal-qixxeetti eegamaa dha ka jedhame mirkaneessuutti fuuleffate.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:47 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG