Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Busaa ittisuuf fala haaraan argame


Bookee ykn Binnii dhukkuba Busaa daddabarsitu yeroo isheen haaraa wal hortu dhabamsisuu danda’uun dhukkuba Busaa dhabamsisuuf mala tokko ta’uun ibsamee jira.

Kunis lafa itti wal hortu bishaan hin yaane keessatti ta’uu akka qabu ibsameera.

Dhukkubii Busaa waggaa waggaan namoota kuma dhibba ja’a fi kuma jaatama ajjeesa kan jedhu jaarmayaan fayyaa addunyaa irra hedduun isaanii biyyoota Afrikaa uuffee saharaa gadii keessa jiraatu jedha.

Yeroo dheeraaf kan baratamee fi malli bookee Busaa ittiin ittisan saaphana siree dawaa farra Bokee Busaa cuuphame gargaaramu fi dawaa farra dhukkuba kanaa ta’e manneen keessatti biifuu ture.

Gama kaanniin Dubartoonni yeroo ammaa umriin isaanii shantamaa fi isaa ol-ta’an isa waggaa digdamaa fi soddoma dura ture caalaa amma fayya buleettii ta’uu isaanii jaarmayaan fayyaa addunyaa hubachisee jira.

Garuu dubartoota umrii dheeraa qaban kan biyyoota hiyeeyyii fi dureeyyii keessa jiran gidduutti waa’een lubbuun turuu kun adda addumaa agarsisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:21 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG