Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjiraaleen Mootummaa Ameerikaa hagi tokko ni cufaman


Kan garee republikaanotaan dhuunftamee jiru manni maree bakka bu’oota uummataa yeroo sadii kan isaan seera eegumsa fayyaa president Obamaan raggaasisan kan Affordable Care Act, ykn Obamacare jedhamuuf maallaqi akka hin ramadamne sagalee kennan.

Kan demokraatotaan dhuunfatame manni maree murtii uummataas yeroo sadii tarkaanfii kana fudhatama dhabsiise. Kongresi Ameerikaas baasii mootummaa dheeressuu isa jedhu irratti walii hin galin hafan. Hojjettoota mootummaa hojii murteessaaf barbaadaman irraan kan hafe kanneen biroon hanga yeroo hin murtoofneetti har’a ganamaa qabee hojii dhabaniiru.

Demokraatichi Seneter Richard Durbin ba’ii argame kanatti hedduu gaddan.

Waajjira mootummaa Ameerikaa Cufu? kun ta’uu isaa biyyootii ka biroo keessatti yeroo dhageessu kun qaanii dha, biyyi isaanii dimokraasii cimaa kan akka keenyaa hin qabu jettee yaadda. Kunoo nu irras ga’e jedhan.

Senetiin biyyattii immoo seera ramaddii bajataa kan seera eegumsa fayyaa Obamacare jedhamuu fi kanneen biroof kan ofii isaa dabarse.

Hoogganoonni Republikaanotaa kannaan mana marii bakka bu’oota uummataa keessaa garuu tarkaanfii sana sagaleen akka irratti kennamuuf congresatti dhiyeessuuf tole hin jedhin hafan. Miseensa mana maree bakka bu’ota uummataa kan ta’an Michele Bachmann seera eegumsa fayyaa Obamacare jedhamuun falmuu kan hin dhaabne ta’uu dubbatan.

Waajjira kootti har’a erbaa bilbilaa dhibbaan lakkaa’amu keessummeessine. Isaaniis qabsoo keessaan itti fufaaa jabaadhaa naan jedhan. Akka nuti dhaabannee falmii keenya itti fufunu barbaadu. Abdii akka kutannu hin fedhan jedhan.

Republikaanonni kanneen biroon imoo duula isaan seera eegumsa fayyaa Obamacare jedhamuun falman kun fagaatee deeme jedhanii yaadanis jiru. Kanneen keessaa tokko Senetor Lisa Murkowski ti.

Seera eegumsa fayyaa kan Affordable Care Act jedhu hin deggeru. Garuu sababa nuti seera kana akka hin milkoofne gochuu dadhabneef waajjira mootummaa cufuun nu irra jira jedhee amanuun qabaa? Itti gaafatamatu nu irra jira jedheen yaada jedhan.

Gama biraatiin immoo seera tumtoonni dimokraatotaa seera Obamacare jedhamuuf mootummaan bajata akka radamaduuf president Obama cina hiriiranii jiru. Hoogganaan mana murtii uummataa Senator Harry Reid demokraatonni cimanii ni dhaabbatu jedhan.

Sana deebinee hin yakkinu. sana irrattis hamma huuruu qawweetti wal falmuu hu hin barbaachisu jedhan.

Waajjiraaleen mootummaa utuu hin cufamin sa’aatilee haga tokko dura Republikaanonni Kongresakeessaa adda addummaa lamaan isaanii gidduu jiruu mariin akka furamu gaafatan.

Senetor Reid immoo yaada sana battala fudhatama dhabsiisan.
afaan yaa’iin mana marii bakka bu’oota uummataa John Boehner seera bajata ramaduu kan senetii qofaan raggaasisame fudhatama dhabsiisan.

Sun qaruma ta’uu hin danda’u jedhan Bohner.

Mootummaan US maallaqa baasuuf yeroo inni qabu akka lakkoobsa washington-tti kaleessa halkan walakkaa dhumate. Sun utuu hin ga’in sa’aatii haga tokko dura White House irraa president Obmaan tarkaanfii congresiin fudhate ilaalchisee gadda fi abdii murannaa isaanitti dhaga’ame ibsanii jiran.

Har’a gara boodaa waajjiraaleen mootummaa fudamanis presidentichi seera eegumsa fayyaa Obamacare jedhamu ilaalchisuun ibsa kenuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG