Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayilee G/Sillaasee Maratoonii Scotland Moo’e,Itoophyiyaa fi Naayjeeriyaan Ammoo Dorgommi Finfinneetiif Walti Malachuutti Jiran


Maratooni Iscotland kalee magaalaa Galsow dorgoman Atileeti Hayilee G/Sillaaseetti moo’e.Hayilee moohachuu qofaa mitii rekordii haaraallee cabse.
Asiin dura gaafa Iscoland dhufee fi ammitii tokkoo mitii moohachaa tanaaf guddoo gammdee jedhe.

Dorgommii tana nama kuma hedduutti irratti dorgome.Gama kaaniin ammoo Naayjeriyaa fi Itoophiyaan dorgommii waancaa addunyaatiif dabruuf Sanbata kana Finfinneetti taphatan.

Leenjisaan kubbaa miilaa Itoophiyaa,Sewunet Bishawu humna taphattoota isaanii yaadaa fi humnallee ya qopheessine jennee abdannaa jedhaa.Leenjsiaan kubbaa miilaa Naayjeeriyaa Stephen Keshi ammoo Itoophiyaa moohachuuf abdii harka 100 ufitti abdannaa jedha.

Dorgommii kubbaa miilaa waancaa addunyaa bara dhufu Biraazilitti taphataniif biyya Kurnyatti mirkanfatee mirkanfatee 50tti walti hafee 22 keessaa filatan.

Dorgommii English Premier League ta kalee fi Guyyaa dheengaddaatti goolii 26 gale.Gama kaaniin ammoo Amerikaan dorgommii GOLF ta President CUP,Waancaa Perzdaantii jedhan irratti ta kalee waliin marro shaneessoo moohattee.

Dorgommii NFL,eegi jalqabanii torbaan torbeessoo keessaa jiranii galgala kana NY, Jetsii fi Atlaantaa Falconsitti waliin tapahta.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG