Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirbitootii Oromoo Dhiyoo Amerikaa Dhufan; Hacaaluu,Abbushii fi Nigusuun VOAtti Goranii Waan Sirba Isaanii Nutti Himan


Jaambootti hardhaaf dhufuu dadhabe malee jarii kun Jaamboollee dabalee dhiyoo tanaayyuu Amerikaa kutaa akka akkaa irra yaahanii sirbaa bahan,torbaan kanallee Georgia,Atlaanataa dhaquuf kurfoo jiran.

Dhaaba Shewa Entertainents jedhutti jara kana fidee godina Amerikaa akka akkaa irraa geessee sirbisiisuutti jira.Abbush haga ammaatti sirba CD sadii,Hacaaluu lama,Jaamboo fi Nigusuun ammoo tokko baafatan.

Yoo VOA dhufanillee sirbii Oromoo guddachuutti akka jiru,namii waan ufi jabeeffachuutti akka jiru,sirbii aadaa fi seenaa Oromo guddisuutti akka jiru,sirbitoota ta durii irraa waan hedduu akka baratanii ufiin yayyabanii fi waan hedduu dubbatan.

Abbush sirba keessatti ufi tahuun waan cufa caalti jedha,man jennana waan ufii qabaatanii guddifachuun eennummaa nama tokkootii fi waan ufii qaban walitti dabalatanii guddachuu akka dandahan mirkansan.

Hacaaluun yoo hedduu sirbii Oromoo maaniif akka ummata isaa hin guddannee jedhee ufi gaafata.

Akkamiin guddisuu wayyaa jennaan sirbii Oromoo Itoophiyaa dhiisi addunyaayyuu gahee akka umamta isaa akka ballatu abdii qabaa jedha.Akkamiinii jennaan ammoo “ummatii keenna waan ufi jabeeffacuutti jiraa.”

Akka Abbush jedhutti namii jalqaba ufi taha,sirba keessatti ufi tahuun maan nama gargaarti jennaan waan qabdu nama barsiistee namaan walti dabalamtaa,ka namaallee nama irraa barattaa jedha.Abbush sirba is aka qaraa makiinaa keessa taahee yaadii itti dhufee jennaan baafate.

Hacaaluun ammoo sirbaaf jedhee barnootaa dhiisee amma ammoo barnootaa fi sirballee walti oofachuu fedhaa jedha.

Nigusuun barsiisaa isaa tokkotti durii sagalee te Abbittoo Kabbadaa fakkaatti maaniif koree bashannana ta Mini Media hin sirbinee jedhee achumaan sirba jalqabe.

Nigusuun duraan sirbaa namaa sirbaa bahe,nama Abbitoo Kebbedeelleen bilbilaan wal dubisee wal arguuf beellame qabate.Sirba itti aanu keessatti ammoo Nigusuun sirbuma ufii sirbuuf waadaa gale.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG