Wiixata, Guraandhalaa 08, 2016 Local time: 21:41

    Oduu

    Ituu Ehama Qabnuu Hidhamaa Saamamaa Jirra

    Jaallannee Gammadaa
    Mootummaan saa’uudii Arabiyaa biyya koo keessa godaantoota  seeraan ala seenan gara biyya irraa dhufaaniitti deebiisa jechuun duula gaggeessaa jira.Kanneen hidhaa keessa jiran akka ibsanti garu ehama barbaachisu mara ituu qabanii hidhaatti darbamaa jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad irraa akka jedhuutti kanneen seeraan jiraatanii fi kanneen seeraan al agamas seenan hojiin addaan baasuu gaggeeffamaa jira.
     
    Gama kaaniin duula hidhaa gaggeeffamaa jiru kanaan  lammiin Itiyoophiyaa tokko rasaasaan rukutamee lubbuun isaa dabruu sabaa himaan adda addaa gabaasanii jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa gama isaan  namnii kun polisii jalaa ituu dheessuu rasaasaan ajjefame jedha.
     
    Garu sabaa himaan mootuummaa sa’uudii madden polisii maqaa dhahuun akka gabaasaniitti lammiin Itiyoophiyaa kun polisoota harkaa qawwee fudhachuuf ituu yaaluu ajjeefame jedhu.

    Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa
    Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaai
    || 0:00:00
    ...    
     
    X
    This forum has been closed.
    Comments
         
    Kana keessatti yaadi kenname hin jiru. Yaada kennuun ka duraa ta’i.