Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadaa Oromoo Damee Aadaa fi Saayinsi Tokkummaa Mootummootaa, UNESCO Jalatti Galmmeessuuf ‘Jabeessanii Gaafachuu Wayya’


Biyyiti hedduun jabeennaa fi qarooma sabaa isaanii ka addunyaafuu fkn tahu jabeessanii gaafatanii damee aadaa fi saayinsii Tokkummaa Mootummootaa UNESCO jalatti galmeeffatan.

Warra akka Gadaan Oromoo UNESCO jalatti galmooftu gaafachuutti jiru keessaa tokko obbboo Teferii Niguseeti,yuniversistii Finfinneetti barumsa PhD barata.

Obboo Teferiin asiin duraleetti akka addunyaan Gadaa Oromoo beetteefii galmeessitu waan hedduu barreessee jedha.

“Asiin duratti…beekumsa aadaa Oromoon guddina hawaasummaatii qabu jedhu barreessee…yuniversiti Naayjeeriyaa,Kalabaari jedhutti dhiyeesse..kana gadaa naannoo Booranatti finna jedhanii ilaalan irraa fudhadhe.”

Kana maleellee obbo Teferiin asoosama abbaa gadaa tokkoo fi jireennii jabana miniliki maan akka fakakatuu fi ummatii bulchiinsa suniin maan jechaa akka bahe asoosamaan barreessee jedha.

“Rakkoo amma keessa jirru kanaaf hiikoon nu argachuu dandeennu gadaadha.”

Jabeennaa fi faaya Gadaa Oromoon qabdu gaafatee addunyaa ka dhiyeessu ammoo akka Obboo Teferiitti, mootummaa.Tana tolchuuf ammoo qaraa hayyootii waan gadaa jabeessanii qoratanii wannii qoratame sun ammoo mirkanooftee dhiyaatti.

Gadaan qoratamtee sadarkaa Tokkummaa Mootummootaatti dhiyaachuuf sadarkaa sadii keessa dabarti.Amma sadarkaa tokko dabree ka lammeessoo keessa jira.

Gaafii tana jal-qaba mootummaa naannootti mootummaa federalaatii dabarsaa.Akka Gadaan Tokkummaa Mootummootaa jalatti galmooftu gaafatanii bubbiin sun amma eessa jirti jennaan obboo Teferiin.

“Gaafii tana bara 2012 keessa gaafatan…achiin duuba itti hin adeemne…namii itti fufsiisu jiraannaan hinuma fudhatu.”

Obboo Teferiin akka Gadaan Oromoo sadarkaa addunyaatti galmooftee beekamtu ufumaan gaafachuutti jira. Konfireensii qopheessuu,.kitaaba barreessuu fi waan akka akkaatiin itti jira.

Gadaan UNESCO jalatti galmoonaan maan irraa argatan jennaan:
“Gadaan lubbuu qabaa Afrikaa jijjiiruu dandaha,addunyaa jijjiiruu dandaha,rakkoo amma qamnu keessaa nu baasuu dandaha…rakkoo Afrikaatiif fala tahuu dandaha.Tanaaf akka Gadaa galmeessuun barbaachisa.”

Tana taanaan biyyootii alaalleen sirna Gadaatti dhufanii qoratanii hagas caalaa baballisaanii jireenna isaanii keesatti galfachuu dandahan jedha obboo Teferiin.

Woma taateefuu ogeeyyootii Oromoo akka qabeennaa fi jabeennii Oromoo,Gadaan, addunyaatti beekmtee fi jabaatuuf gaafachumatti jiran.Marii lammeessoo qophii tana torbaan dhufaa itti deebina.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:47 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG