Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barii Haarahii, 2014 Ka Nagaa,Hormaataa Bultumaa fi Kaayoo isanii Hatahuu!



Qaanqee Bara 2014 Ulfeessuuf Oli Facaasan
Qaanqee Bara 2014 Ulfeessuuf Oli Facaasan
Addunyaan akka lamatti bara lakkahatti. Akka henna Gregoriyanii fi akka henna Juliyaan fa.Biyyiti akka Gregoriyaan lakkahatu gannii haarahii Ammajii 1 jalqabdee Muddee dhumataaf.

Gammachuu ganna haaraa, 2014 simachuuf eda halkan walqixxee jalaqban ammallee biiroo fi hujiillee cufanii itti jiran.

Sidnii haga Dubaahiitti namuu ganna haaraa kana waan hedduun simata.Kaan muuziqaa itti gadi dhiisee,sirbaa bulaa kaan qaanqee waaqa keessaa oli facaasee,kaan manneen amantii ufiitti yaahee keessa oolee bule.

New York,Amerikaatti ammoo namii miliyoona tokko caalu naannoo Time Square, qophii ganna haaraa daawwachuuf itti dhuftutti hiriira galanii qophii gammachuu seenuuf eegachaa turan.

Qophii gammachuu ta ganna haaraa New York ta baranaa, haadhaa seeraa mana murti walii galaa Amerikaa,Sonia Sotomayoritti jalqbsiise.

Warrii Nashvillee Tennesii jirulleen ganna haaraa kana muuziqaan itti bantatee lafaan dhiitaa bule.Saayistitsiootii Amerikaa fi Jappaan ta laabratootii saayinsii Addunyaa, International Space Center baga ganna haaraa geettan jedhanii viidiyoon ergaa dhaaman.
Ergaa gammachuu bara araa 2014
Ergaa gammachuu bara araa 2014
Moscow,Dubai,London faalleetti warra qophii ganna haaraa tanaaf dhufee waan nyaatan qoodaa namuu gammachuun ganna haaraa simate.

Warrii Jappaanitti ganna haaraa ka milkii tolchuuf soora aaadaa isaani itti nyaate. Filippinsii bubbeen garbaa fi galanaa ji’a diqqaan duratti nama hedduu irraa fixxe taanitti ammo nama 260 qaanqee fi baaruda rasaasaa laastikii gammachuu ta waaqa keessa facaasaniin madaahe.

Kep Taawon,Afrikaa Kibbaatti ammoo perzdanatii Mandeellaa qaabachaa ganna haaraa ulfeeffatan.

Dubahiitti ammoo,qaanqee kuma 400 waaqa keessa oli facaasanii ummata gammachiisaa ganna haaraan simatan.Ganna haaraatti namuu waan hedduun ufii fi nama ufiiti waadaa gale hormaataa,bultuma,fi kaayoon jalqabata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG