Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artistoota Badhaasa “OSCAR ” Bara 2014 Argatan Keessaa Sadii Dhalootaan Afrikaa



Lupita Nyong'o,gannii 21,Lammii Keenyaatii,Amerikaa New Meksiko jiraatti
Lupita Nyong'o,gannii 21,Lammii Keenyaatii,Amerikaa New Meksiko jiraatti
OSCAR,badhaasa daabii fiilmii Amerikaa baruma baraan artistii,hujii aartii, fiilmii, daarktera,sirbaa fi hujii artii akka akkaa Amerikaatti guddoo jaalataman badhaasuuf hujiiN jalqabe.Badhaasii baranaa kun 86essoo.

Artistootii Afrikaa sadeen badhaasa OSCAR kana moohaan:intala Keneyaa ta ganna 21,ta Amerikaa New Meksico jiraattu,Lupita Nyong'o fi namicha ganna 36, maatiin isaa Naayjeeriyaa dhufee innii amma Loondon,,jiraatu Chiwetel Ejoifor qooda isaan fiilmii garbummaa ganna kudhanii lamaa,”12 Years a Slave” keessaa qabaniif moohatan.

Barkhad Abdi,nama ganna 28,Moqaadishootti dhalatee,Amerikaa, MN jiraata.
Barkhad Abdi,nama ganna 28,Moqaadishootti dhalatee,Amerikaa, MN jiraata.
​Gurbaa Somaalee ganna 28,daarektera fiilmii tahuu fi waan gara garaa hojjachuun beekamu,Barkhad Abdi hujii innii fiilmii"Captain Phillips keessa qabuuf badhaafama. Jara kana maqaa isaanii Ammajii 16, Hollywooditti labsan.




Fiilmiin dhibiin badhaafamuuf labsaman American Hustle""Gravity""12 Years a Slave,"Captain Phillips,"Dallas Buyers Club,""Her,""Nebraska,"The Wolf of Wall Street," fi" Philomena," fa.


Chiwetel Ejoifor,nama ganna 36ti,hidda dhalataa Naatyjeeriyaa qabaa,UK jiraata
Chiwetel Ejoifor,nama ganna 36ti,hidda dhalataa Naatyjeeriyaa qabaa,UK jiraata
Warra hujii tanaan badhaafamu keessaa hagaa kaan Leonardo DiCaprio,"The Wolf of Wall Street" jedhutiin artisiti Christian Bale ammoo hujii fiilmii "American Hustle” keessaa qooda qabuu badhaafama.

Fiilmii Philomena" keessaa Judi Dench "Gravity,” keessaa Sandra Bullockii fa. Meryl Streep qooda isiin “August fi Osage County” keessaa qabduuf badhaafmati.
Warrii kun Gurrandhaalaa 2,2014tti Los Anjelsitti badhaasa fudhata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG