Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabayaan Buna Itoophiyaa Olumaa-Gadi Jechaa Deemtu Dhiyoo Tana Ya Oli Kaate Jedhan


Gabayaan Buna Itoophiyaa Olumaa Gadi Jechaa Deemtu Dhiyoo Tana Ya Oli Kaate Jedhan
Itoophiyaan waan hedduu gabayaa alaatti ergatti,tana keessaa ta duraa buna.Ka jireenna biyyaa harkaa qabulleen isuma.

Buni kun harkii 65 akka jecha Itti Gaafatamaa Waldaa Oomishtoota Buna Oromiyaa,obbo Taaddasaa Masqaleetti aanalee Oromiyaa 120 caalaan keessaa dhufa.

Buna kintaalaan gabayaa laatti gurguran. Buna Itoophiyaa alatti gurguran kana biyyaatti buna hedduutti bitta;Jermanii, Jappaan,Sawudi Arabiyaa fi Amerikaa. Amerikaan harka 50tti bitatti.

Gabayaan bunaa dhiyoo tana yoo hedduu oluma bu’aa gaduma bu’aa deemti.Akka obboo Taaddasaatti wantii gabayaan buna Itoophiyaa dhiyoo tana gadi buutee oli kaateef waan buni Biraazil kasaareef.

Warrii buna alaa bitu buna paawundii tokko, gara kiiloo wadhakkaa,$1.20n bita,bunii kun amma paawundiin $1.80.Jarii qonnaan bulaa irraa gatii diqqoon bitu kun ufi ammoo buna siinii tokkootuu doolara 4-5n nutti gurguruutti jiraa maan wayya jennaan;

“Ufii doolara lamaan gadiin bitanii doolara 200 jalaa argatanii kun gaarii mitii jennee akka innii fooyyahu dubbachaa jirra.”

Waldaan Oomishtoota Buna Oromiyaa kun akka jecha obboo Taaddasaatti ganna 13tti manneen barnootaa jaaraa,karaa fi bisaan baasaa huji guddoo qonnaan bulaa hojjate.

Waldaan gurmaahuun qonnaan bulaallee waan hedduun gargaara jedha obboo Taaddasaan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG