Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeeyyotii Qonnaa Addunyaa Dhukkuba Qamadii Naannoo Baalee Irratti Argan Irratti Mari'achuuf Meksikootti Kora Taa'an


Dhukkubii qamadii 'Stem Rust' jedhaniin kun qamadii irrratti bahee biyyee diimtuu fakkeessa
Dhukkubii qamadii 'Stem Rust' jedhaniin kun qamadii irrratti bahee biyyee diimtuu fakkeessa
Addunyaan tun haga guddaan baaddallaa (boqqoolloo),qamadii,fi ruuziin bulti.Dhukkubii gama tokkoon mullate addunyaa gama kaanillee yaaddoo taha.

Qonnaan bultootii qamadii Afrikaa Gama Bahaatiifi Jiddu-Gala-Bahaa eegii dhukkubii qamadii ingiliffaan STEM RUST jedhan qonnaan bultoota Itoophiyaa gama Kibbaa irraa qamadii hektaara 10,000 balleesseen duubatti ufillee yaaddootti jiran.

Dhukkubii STEM RUST jedhan kun midhaan akka koobaa itti bahe biyyee diimtuu tolchee gossee ijjeesa. Midhaan hedduutti akkanaan bade.Korii addunyaa kunilleen Botootessa 22-28,2014 Meksikootti taa'e.Jarii kun fala dhukkua qamadii balleessuu ykn diqqeessuu dandahaniin irratti mari'atee fala asiin duratti argellee wal agarsiisa.

Itoophiyaan gamii kibbaa naannoo Baalee sanyiin dhukkuba qamadii irratti argan,biyya gammoojjii Afrikaa gadii keessaa qamadii hedduun baasuun beekamtu.

Ogeeyyotii waan qamadii qoratan dhiba qamadiitii fi akka bu’aa qamadii irraa argamu guddisuu dandahaiin iraatti mari’achuuf koratti jiran.

Ogeeyyootii fayyaa qamadii addunyaa BGRI jedhan magaalaa CIUDAD OBREGON, Meksiikootti kora taahanilleen rakkoo dhukkuba naannoo Baaleetti mullatu irratti mari’atan.

Dhaabii BGRI jedhu kun maqaa doktora beekamaa qorannoo qamadiitii fi jireenna qonnaan bulaa wayyeessuuf badhaasa Noobelii argate,Norma Bourlaugh bahe.Dr.kun nama akka qonnaan bultootii beela bahan mala jireenna isaanii wayyeessuuf hojjachaa bahe dhiyoo tana waajjira senetii Amerikaa keessatti soodduu dhaabaniif.

Akka ogeeyyootii dhaabbilee gara garaa ta akka CIMMYT,DRRW,Insitituutii Qorannoo Qonna Itoophiyaa, Damee Qonnaa Mootummaa Amerikaatii fi gara garaa jedhanitti dhukkubii qamadii Baaleetti argame ka bara 2007 keessaa Turkey,Masrii fi Jermeniitti arganiin wal fakkaatti.

Dr.Deevid Hodson dhaaba CIIMYT,ka oomihsa qamadii addunyaa qorachun beekamutti saayinstistii tahuun hojjata.Akka doktora kanaatti dhukkubii qamadii akkanaa gara Jermeniitti argamuulleen waan nama yaaddessaati.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaatti sanyiin qamadii Digalu jedhanii qonnaan bultoota hedduu rakkoo keessaa baasuun beekama.Sanyiin Digaluun tun dhukkuba dandamachuu fi dafee afaan nama gahuun beekama.Sanyii akkanaa qabaachuulleen akka ogeeyyota tanaatti dhukkuba midhaanii akka akkaalleetti fala arguun nama gargaara.

Woma taateefuu ogeeyyotii qorannoo addunyaa Meksikootti marii jiran dhukkuba qamadiitii fi fala oomisha hedduu argachuu dandahaniin irratti mari’ata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG