Xurree ittiin seenan

Breaking News

Luftaanzaa,xuyyuurii Geejjiba Jermenii Beekamaan Eertiraa Dhaquu Ya Dhaabe


Luftaanzaan biyya 78-tii geejjiba tahee hojjataa Awurooppaatti guddoo beekkama.
Luftaanzaan biyya 78-tii geejjiba tahee hojjataa Awurooppaatti guddoo beekkama.
Luftaanzaan xuyyuura geejjibaa ka Awurooppaatti guddoo beekkamu. Ardii Afrikaa, Eezhiyaa, Awurooppaa fi Amerikaa dabalee biyya 78 keessatti geejjiba guddaa tahee hojjajta.Waan Luftaanzaan Eeritaa deemuu dhiiseef akka oduu himaan minsitera haajaa alaa Eeritaa,Obboo Tsahaay Faasili jedhutti "isaanumatti beeka."

“Waan guutuuf malle cufaa ya guunneef. Luftaanzaan hujii tana ufumaan dhaabe fedhu deebisuu dandaha.Wannii nu feenu akka namii keenna horii ufii baase gara fedhu deemu fedhu seerumaan tajaajilamu. Tanaa achii wanni nu afaan wal gossifnuuf hin qamnu jedha.”

Oduu himaan kun Luftaanzaan Eeirtaa dhufee dhibaatullee daandii qilleensaa ka akka Yemen, Masrii,Suudanii fi Noovaan fa Kaartum dhufan heduduun waan jiranifi rakkoon hin jirtu.

"Yoo namii Eritaa hedduun alaa dhufu kana faatti Turkeiilleen Caamsaa 29 jalqabee geejjiba isii Eritaatti ergiti."

Nama boqonnaaf alaa dhufu fedhii isaa guutuufillee xuyyuurii geejjiba Yemen ka torbaanitti guyyaa sadii dhufaa ture amma torbaanti guyyuma guyyuu akka Eeirtaa dhufu tolchuulleen fala jedhan keessaa tokko.Ka Masriitii fi Ka Jordaanilleen akkanuma.

Dhaabii geejjiba Luftaanzaan waan dhufaatii Eeritaa dhaabeef ammatti womaa hin jenne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG