Kamisa, Adoolessa 24, 2014 Local time: 04:20

Oduu

Naayjeeriyaan Afrikaan Kibbaa Caaltee Afrikaa Keessaa Guddinnaan Tokkeessoo Taate

Soraa Halakee
—  
Naayjeeriyaan barana qofa huji biyya keessatti hojjattu irraa dooalra biliyoona 350 taatu argatte.Yoo walti deebisanii laalan nami isii guyyaatti doolara tokkoo gadiin oolaNaayjeeriyaan barana qofa huji biyya keessatti hojjattu irraa dooalra biliyoona 350 taatu argatte.Yoo walti deebisanii laalan nami isii guyyaatti doolara tokkoo gadiin oola
x
Naayjeeriyaan barana qofa huji biyya keessatti hojjattu irraa dooalra biliyoona 350 taatu argatte.Yoo walti deebisanii laalan nami isii guyyaatti doolara tokkoo gadiin oola
Naayjeeriyaan barana qofa huji biyya keessatti hojjattu irraa dooalra biliyoona 350 taatu argatte.Yoo walti deebisanii laalan nami isii guyyaatti doolara tokkoo gadiin oola
Biyyitii ummatii isii miliyoona 170-tti dhiyaachuutti jiru tun,Naayjeeriyaa oluma deemuutti jirti. Horiin isiin barana hujii biyya keessatti hojjatan irraa argatte doolara biliyoona 350 dhiyaata.

Naayjeeriyaa waan hedduutti guddisee Afirkaa Kibbaa bira dabarsee Afrikaa keessaa tokkeesoso tolche.Fiilmii,muuziqaa,telekomunikeeshiinii, hujii intrneettii, kompiyuutera fi elektirooniksii ganna 20n duratti naminuu naminuu waan isii guddoo hin dubbanne fa.

Dhaabii fiilmii Naayjeriyaa Nollywood, diraamaa,jaalalaa,taphaa khoblaa, gammachuu,seenaa fi waan hedduu qaba.Indii qofatti hujii Nollywood tanaan Naayjeeriyaa caala.

UNESCO,damee Barnoota,Saayinsii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa ganna saddeetiin duratti hujii fiilmii irratti gabaasa baase.Bollywood,dhaabii fiilmii Indii gannatti fiilmii 1,091 baasa,Nollywood ka UK gannatti fiilmii 872 baasa, ka Amerikaa Hollywood ammoo gannatti fiilmii 485 baasa.Nollyhood Naayjeriyaatti gannatti fiilmii 2,500 baasee guddinna harka 1.4 oli biyya sunii dabala.

Naayjeeriyaan hujii fiilmii Nollywooditti irraa gannatti doolara biliyoona 20 itti baafati,haga guddaa gatii laaftuun CD,DVD fi waan didqqoo irratti hojjattee $1 gaditti gurguran.Hujii fiilmii Naayjeeriraa tana irratti ammoo horii diqqaatti bahaa nama hedduutti gatii laaftuun bitata.

Telekominikeeshiilleen waan guddinna Naayjeerityaa ariifachiisuufiitti jiraa keessaa lammeessoo.Ganna kurnya lamaatiin duratti Naayjeriyaa dhaaba Telecomunciation tokkocha qubaa qabdi.Naayjeeriyaan ganna 10n duratti namii isii kuma 300 qoftii bilibila qabu kaanitti amma miliyoona 120-tti bilbilaa harkaa mobil qaba.Dhaabbileen bilbilaa hedduutti jira.Gama kanaan guddinna harka 8.69 Naayjeeriyaa dabalame.

Geejjiba Xuyyuuraa,Kunilleen biyya sunii waan hedduu fayyade.Biyyitii ganna kurnya lamaan duratti dhaaba xuyyuuraa tokkoo qofa qabdu tun amma Ariikii fi Daanaa dabalee dhaabbilee xuyyuuraa hedduu qabdi.Kunilleen guddinna harka 10 dabale.Taatullee xuyyuurii Naayjeeriyaa yoo hedduu balaa hedduu qabaachuun beekama.Gannuma 9n duratti xuyyuurii Bellview jedhan funnaaniin lafa waraanee nama 177 hobbaase.

Baruma sun keessaa xuyyuurii Sossolisoo jedhan barattoota baatee deemuun lafaan dhahee qilleensa hamaa keessatti lafa dhahee 107 fixe.Xuyyuurii dhaaba Dan jedhanii ganna tokkoon duratti caaccabee nama 159 fixelleen Ammajii dabarte hujii jalqabe.

Taatullee ganna lamaan duratti nama miliyoona 4 fi kuma 700 xuyyuuraa Naayjeeiryaa yaabbateef.Gabaasii Baankiin addunyaa bara 2009 baaselleene akka Naayjeriyaa nagaa nama xuyyuura isii yaabbatuu eedduuf jabeessee itti dhaame.

Gaazii fi Zayitii:Naayjeriyaan gama kanaan addunyaa keesstti guddoo beekkamti. Guddinnii isii harkii 14 tana irraa dhufaaf.Bara 2012 fi 2013 keessa Naayjeriyaan harka 12. 7guddatte. Nayjeriyaan horii hagana gahuu qabaattullee yoo hedduu abbuma duroomutti duroomaan. Walumattu yoo deebisan namii tokko biyya sunitti guyyaatti doolara tokkoo argata.

Ministeri Maallaqa Naayjeeriyaa Ngozi Okonjo-Iweallleen jireennii dureessaa fi hiyyeessaa akka malee gargar fagoo hiyyeessa daaraa jala bade achii baasuuf caasaa mootummaa ka namuu qooda keessaa qabu jaaruu mallee jedhe.

Biyyootii Gammoojjii Sahaaraa Gadi Jiranilleen Barana, 2014 Harka 5.2 Guddatan

Gama kaaniin ammoo akka gabaasii Baankii addunyaa dhiyoo tana baase jedhutti Afrikaan bara keessa jirru 2014 kana walumatti qabanii yoo laalan harka 5-2 guddatti.

Akka ogeessii Bankii Addunyaa damee Afrikaa kitaaba African Pulse,irratti baase jedhetti biyya Afirkaa ta gammoojjii Sahaaraa gadi jiran horii isaan qabeenna uumamaa fi investimentii irraa argatanii jireennallee wayyeeffatanitti isaan guddise.

Biyyootii zayitiin beekaman ka akka Seraaliyoona fi DRC faan guddinnaan barrisuutti jiran. Ivory Coast achiiyyuu hin chochoone,Maaliin siyaasaan isiilleen  miila gadi dhaabeteef taan durumatti siquutti jirti.

Biyyootii zayiti hin qamne ta akka Itoophiyaa,Rwaandaa faalleen bara 2013 keessa guddinna hunda qabu irra jiran. Jarallee waan hedduutti guddisa. Investimentii biyya alaatii itti dhuftu fa.
Gama kanaan ganna dabre qofa harka 16 guddatte,biyya akka Angoolaa,Mozambiki,fi Taanzaaniyaan faa ammoo zayititti lafa jalaa burquufiitti jira.

Gatii midhaaniitii fi ta gaazii –zayitii gadi buutee fi maallaqii biyya haga tokkoo humana horatee wa bituulleen keessuma jira.

Diqqaattuu guddattuu fuulii Afrikaan waan dansaatti deema.Punam Chuhan baankii Addunyaa damee Afrikaatti ogeessa beekamaa. Kitaaba African Pulse jedhu ka jireenna Afrikaa barreesse.

Akka nama kanaatti jireennii Afrikaa oli ka’aa deemuun akka Afrikaan addunyaa gama dingdeelleen qooda keessaa qabaattu tolcha.