Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Suudan Kibbaa ‘Araara Barbaaduuf’ Itti Gaafatamtoota Siyaasaa Afur Hidhaa Hiike


Jarii afran hidhaatti hafee amma bahiitii isaanii labsan kun bahuun wal dhaba motummaa Suudan Kibbaatii fi milishootii mootummaa kanaan wal hadhan faluu dandaha.

Mootummaan kun fala araaraa paartii mormituu waliin jalqaban ariifachiisuuf jara kana gadi dhiisee jedha. Jarii afran kun itti gaafatmaa paartii Bilisummaa Ummata Suudan Kibbaa ka durii Pagam Amum fa.


Akka perzdaantiin Suudan Kibbaa jedhutti gadi lakkifamuun jara afran kanaa araaraa jalqabame jajjabeessa.

“Tun gatii araaraati.Jara afran kalee bahee fi jara torbaan asiin duratti bahe walti dabaltee adoo waan dhibii dhiisii fannisanilleen tun lubbuu nama kuma hedduu ta badde hin deebistu.”

Mootummaan Suudan Kibbaa nama torba ka maqaa siyaasaatiin himate ragaa irraa dhabanii Ammajii keessa gadi lakkisan.

Suudan Kibbaa ta Suudan irraa cittee baate wal dhabii bulchoota isaani nama kuma hedduu fixee kuma dhibba hedduu baqachiisee fala hedduu itti barbaaduutti jiran.

Caamsaa 3,4, 2014 ammoo perzdanatiin isii Salvaa Kiir akka ummatii bahee Juubaatti waaqa kadhatee waraanii dhaabatu hajaje.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG