Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaan guddina dinagdee agarsiisteetti garuu misoomni bu'uuraa amma iyyuu galma hin geenye jedhu jaarmoliin sadarkaa addunyaa


Dinagdeen Afriikaa guddataa jira jedhu jaarmoliin sadarkaa addunyaa
Dinagdeen Afriikaa guddataa jira jedhu jaarmoliin sadarkaa addunyaa

Gabaasi har'a waaree dura galma tokkummaa mootummootaa keessatti kan beeksisame gabaasi dinagdee Afriikaaa akka jedhutti waggoota kudhan darban keessa kan ture guddina dinagdee Afriikaa ajaa’ibsiisaa ta’uu isaa shakkuun hin danda’amu.

Guddinni kun kan argame garuu Afriikaan gara alaatti kan ergitu meeshaawwan qabeenya uumamaa gatiin isaanii fooyya’aa waan ta’eef, bulchiinsi biyya keessaaf fedhiin meeshaalee biyya keessaaf jiru ol ka’uu isaa akkasumas biyyoota guddataa waliin kan jiru hariiroon daldalaa fi dinagdee jiraachuu isaatiin kan ka’e ta’uu gabaasichi beeksiseera.

Gabaasichi itti fufuu dhaan guddinni dinagdee argame hariiroo jireenya uummata naannoo waliin jirus cimsuun gaafatee jira. Guddinni dinagdee waggootii kurnan darban keessa argame jireenya uummatichaa hagam geeddare gaaffii edhuuf deebiin isaa quusaa akka hin ta’in gabaasa sana kan dhiyeessan komiishina dinagdee Afriikaatti daayrekterri maaykroo ekoonoomii Adam El Heraaykaa ibsaniiru.

Heraayikaan akka jedhanitti dinagdeen kun jabaatu iyyuu gara badhaadhina hawaasummaatti jijjiiramuu qaba jedhan. Jaarmayaan sadarkaa addunyaa Fitch jedhamu Itiyoopiyaan sadarkaan guddina ishee “B” irra jira jedhee jira. Sadarkaa kanas caasaan dinagdee biyyattii dadhabaa taj’uu isaaf kan amma argamaa jriu sochii dinagdee jabaa ta’e wal bira qabuun yoo ta’u liqaa biyya keessaa fi alaa gidduu jirus madaalee jira dhaabi kun.

Itiyoopiyaan waggoota kurnan darban keessa guddina ajaa’ibsiisaa argamsiistus misoomaa bu’uuraan garuu sadarkaa gadii irra jiraachuu ishee wabiiwwan Tokkummaa mootummootaa kan dhimma misoomaa tuquun jarmayaan Fitch ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG