Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turkiitti Laftii Albuuda Keessaa Qotan Gubattee Nama 238 fixxe


Biyyiti tun bara 1992 keessalleetti akkanuma laftii albuuda keessaa baasan gubattee nama 236 caalaa fixxe.

Baraan baranaa kun jalqaba elektirikii irraa kahe.Nama dhumate malee 120 bollitii itti gadi cittellee du’aa fi jireenna isaa barbaaduutti jiran.Perzdaantiin Turkey Recep Tayyip Erdogati.

“Akka qara jedhanitti nama nama 238 balaa kanaan dhumate 80 madaahe,19 wallaananiinii hospitaalaa baasani ammallee name hedudun wallaanatee bahuutti jira.Namii akka malee miidhame hin jiru.”


Erdogan name biyya isaa balaan itti dhufee jennaan imaltu silaa dhaquuf deemu dhiisee gara lafa namii keessaa dhuamte dhaqee laale.

Warrii nama lubbuun hafe barbaaduutti jiru hardha ganama boollaa sun jalatti qilleensa afuufani akka namii hafuura baafachuu dandahuu tolchuutti jira.

Akka warrii lafa bulchu jedhutti yo boollti cilee albuudaa keessaa baasan tun tokkaate nama 787tti keessa ture.Nama 363 biyyee jalaa qotanii baasan.

Turkiitti laftii albuuda keessaa baasan yo hedduu akkanuma gadi cittee ibiddii elektiri ka kahe nama balleessaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG