Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Barattootaa Ammas Yunivarsitii Wallaggaa Keessatti Ka’e


Kamisa, Caamsaa 14, bara 2014 barattoonni Yunivarsitii Wallaggaa akka hiriyyonni isaanii yunivarsitichaa fi yunivarsitiilee ka biroo Oromiyaa keessaa irraa qabamanii hidhaman gad-lakkisaman gaafachuuf ennaa ganama walitti qabamanitti, poolisoonni Oromiyaa fi ka federaalaa itti bobba’anii miidhaa haga lubbuu dhabamsiisuu akka irraan gahan dubbatu.

“Yeroo jalqaba hiriirichaaf mooraa keessatti walitti-qabamnetti poolisoonni Oromiyaa fuul-dura keenya dhaabbatanii, callisanii nu ilaalaa turan. Humnoonni Federaalaa karaa duubaa dhufanii ennaa qawwee ol qabanii dhukaasanii, gaazii imimmaan yaasisu nutti gad-lakkisan baay’een keenya ni kukkufne” ka jedhu – barataan Yunivarsitichaa tokko, booda humnaan itti bobba’anii akka isaan tumuutti ka’an, doormiitti illee seenanii akka isaan caccabsan dubbata.

Kan yeroo barattoonni hedduun madaa’an konkolaataadhaan gara Hospitaala Naqamtee fidan achin ture, ka jedhu – jiraataan magaalattii tokko immoo “otuman ilaaluu barattoonni dhiigni irraa gad-lola’u hospitaalicha guutan” – jedha. Hojjetaan Hospitaala Naqamtee akka maqaan isaan himamu hin fedhiin tokko immoo, barattoota gara Hospitaalichaa geessaman keessaa lama ganama sa’aa sadiitti du’uu dubbatee, “lama ka biroonis sadarkaa lubbuu hin oolle irraa jiran” jedhe.

Hojjetoonni Hospitaalichaa sadii sababaa barattoota sanaaf how’a agarsiisaniif reebafmuu isaanii dubbatee jira – Hojjetaan Hospitaalichaa.
XS
SM
MD
LG