Xurree ittiin seenan

Breaking News

GAMTAAN MEDREK FINFINNEETTI HIRIIRA GEGGEESSUUF BEEKAMTII ARGATE


Koongirsiin Fedraalawa Oromoo fi paartiilee mormituu Itiyoophiyaa ka biroon ka keessa jiran Gamtaan Medrek Sanbata dhufu kana jechuun, Caamsaa 24, bara 2014 Finfinneetti hiriira mormii geggeessuuf akka beekamtiin kennamuuf gaaffiin deddeebisee dhiheessaa ture har’a deebii argachuu beeksisee jira.

Barreessaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, gaaffiin gamataan isaanii Bulchiinsa magaalaa Finfinneef dhiheesse sababaa adda addaan si’a sadii eega fudhatama dhabee booda har’a simatamuu dubbatan.

“Gaaffiin keenya ijoon namoonni siyaasaa, gaazzexeessonni fi barattoonni seera ala qabamuu, hidhamuu fi dararamuun haa dhaabatu. Gaaffiin barattoonni Oromoo fi lammiwwan Oromoo karaa nagaa gaafatan deebii nagaa haa gaafatan. Rasaasaasaan deebii kennuun haa dhaabatu. Maaster-pilaaniin Fininnee kan uummatni irratti mari’atee dhiheesse waan hin ta’iiniif haa haqamu” ka jedhuu fi kanneen biroo of-keessaa qaba – gaaffiin Medrek. Mariin biyyoolessaa, paartii Mootummaa fi paartiilee mormitootaa biyya keessaa fi ala jiran hirmaachisuu fi furmaata biyyoolessaa barbaadu akka geggeessamu gaafachuun illee akeeka gamtichaa ta’uu Obbo Beqqeleen gaaffii fi deebii kennan keessatti hubachiisanii jiran.

Akka Beqqeleen jedhanitti, Araat Kiiloo, Riqicha Finfinnee tii jalqabee, karaa Hawwaaree, karaa Bileer Hoteel deemee Dirree kubbaa miillaa “Waradaa Saddeet” jedhamutti xumurame – Hiriirri Medrek Waame kun.
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:57 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG