Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan gotootaa Ameerikaa keessatti kabajamee oole


Prezidaant Baraak Obaamaan bakka awwaalchaa goototaa Arliingten Semeterii jedhamu irra dararaa kaa'an
Prezidaant Baraak Obaamaan bakka awwaalchaa goototaa Arliingten Semeterii jedhamu irra dararaa kaa'an

Caamsa 30 bara 1868 bakka awwaalcha Loltoota wal waraansa irrtti du’anii irra dararaan kaa’amee ture. Awwaalcha bakka kana jiru irras dhakaa adaadiitu dhaabamee jira. Bakki awwaalchaa hektaara 80 ta’e kun namoonni seenaa biyyoolessaa galmeessanis keessatti awwaalamaniiru. Bakki Awwaalchi Arlington VA jiru waajjira haadhoo ministrii haajaa alaa Ameerikaa Pentagon fuulleetti argama.

Sirni yaadannoo gadamoojjiiwwan waraan Vietnam magaalaa galma mootummaa Ameerikaa keessatti ayyaana beekamaa dha.

Yaadannoo gadamoojjiwwan waraana Vietnam jalqaba kan fide loltuu maqaan Jan Scruggs jedhamu ture. Waraana Vietnam irratti hirmaataniiru.

Waraanichi bara 1975 dhumate. Yeroo isaan biyyatti deebi’an loltoonni namoonni hedduun kanneen lola sana mormantu isaan quunname. Jan Scruggs garuu kanneen waraana sana irratti wareegaman akka yaadatamaniif tattaaffii godhamu qindeessan.

Bara 1980 keessa gareen loltoota duraanii yaadannoo sana kan calaqqisu namoonni qopheessuu danda’an akka wal dorgoman labsan.

Dorgommii sana kan injifate kan umuriin 21 Maya Lin turte. Mayan barnoota Architechure Yuniversitii Yale kan Connecticut keessatti baratte. Siidaa yaadannoo sanas keenyan dhagaa gurraacha lama irraa qopheessite. Siidaan yaadannoo gadamoojjiiwwan waraanaa Vietnam sun bara 1982 baname.

Maqaan loltoota kuma 58 kanneen waraana irrattu du’aniif dhabamanii achi irratti galmeessame. Siidaa sana irra loltoota sadiitu argama. Sadarnuu kallattii maqaan sun barreeffame ilaaluu. Siidaa ka biroon immoo dubartoota waraana irratti wareegamaniif dhaabate.

Yeroo mara namoota miseenosnni maatii duraa du’an dhaqanii maqaa sana achi irra brbaaduu dhaan maqicha yeroo argatan qalama itti dibanii copy godhatu.

Yaadannoo waraana Vietnamf siidaan erga dhaabatee booda Congressi Ameerikaa gadamoojjiiwwan araana Koriyaafis sirni yaadannoo akka geggeessamu raggaasise. Siidaan yaadannoo isas Adoolessa bara 1995 keessa siidaa dhuma yaadannoo waraana Vetnam cina dhaabame.

Siidaan yaadannoo bakka awwaalcha Arlington National Cemetery jedhamu cina jiru yaadannoo dubartoota waraana irratti hirmaataniif dhaabate. Dubartoota miliyoona lama ta’antu waraana Amerikaan geggeessitu irratti hirmaatan ykn yeroo ammaa humna waraanaa keessa jiru.

Siidaan yaadannoo waraana addunyaa lammataas siidaa yaadannoo Lincoln fi siidaa Waashington bakka National Mall jedhamu gidduu jiru dhaabatee jira. Ameerikaan kan waraanatti seenta erga Japan maadhee humna galaanaa Pearl Harbor jedhamuu fi Hawaii keessa jiru Muddee 7 bara 1941 boombiin haleeltee booda.

Bara 1941-1945 gidduu yroo jiru keessatti dubartootaa fi dhiirota lamiiwwan ameerikaa miliyoona 16 ta’antu waraana keessatti hirmaatan. Kanneen keessaa kuma 400 kanneen ta’an ni wareegaman.

Daawwattoonni hedduun kanneen siidaa yaadannoo waraanaa kana daawwatan waraana keessatti hirmaataniiru.
Kanneen keessaa tokko miseensa humna galaanaa turan. Lola ani itti hirmaadhe keessaa waanti gaariin yeroo sana hin sodaadhun ture, sababiin isaas dargaggeessa waanan tureef jedhan.

Seerri federaalaa kan bara 2000 keessa raggaasisame lammiiwwan Ameerikaa sa’a booda sa’a sadiitti guyyaa ayyaana goototaa kana daqiiqaa tokkoof akka dhaabatan waamicha dabarse. Kunis guutuun biyyoolessaa yeroo inni miseensota humnootii waraanaa keessa jiraniif kanneen utuu Ameerikaa tajaajilanii wareegaman kabajaan yaadachuuf jecha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG