Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoo miidhuun Itiyoopiyaa Miidhuu dha!


Hiriira Mormii Paatiin Medrekin Finfinnee keessatti waamame
Hiriira Mormii Paatiin Medrekin Finfinnee keessatti waamame
Paatiin Medrek sanbata darbe jechuunis Caamsaa 24 bara 2014 hiriira mormii geggeessan kutaa magaalaa Finfinnee Yekkaa dirree ganda 08 jedhamu yeroo ga’an haasaa xumuraa kan dhageessisan obbo Bulchaa Dammaqsaa turan.

San boodas barreessaan paartii Medrek obbo Gebruu G/Maariyaam hirmaattota hiriira sanaaf haasaa dhageesisaniin torbanneen dhiyoo dura naannolee Oromiyaa keessatti jeequmsi uumame waan haaraa hin turre jedhan.

Obbo Gebruun akka jedhanitti maqaa misooma wal qabsiisuu godinaalee naannoo Oromiyaatiin karoora uummati dhimma irratti hin mari’annee fi irratti walii hin galle hojii irra oolchuuf ka’uun faallaa heera biyyaa ti.

Uummatii fi ijoolleen Uniersitiiwwan keessaa gaaffii isaan dhiyeessan gaaffii heeraa ti, kana immoo angawoonni IHADEG hedduun isaanii hin haalle jedhan. Miseensa paartii Medrek kan ta’e Kongresii federaalawaa Oromoo fi paartileen kanneen biroon karoora misoomaa sana ilaalchisuun gaaffii dhiyeessanii turan IHADEG maal na dhibdeen bira taruu isaa yaadachiisuu dhaan badii amma dhaqqabeef itti gaafatamaa taasisaniiruun.

Maal na dhibdeen isaa kun lubbuun namaa akka baduu fi qabeenyaan akka manca’u taasiseera. Miseensonni IHADEG kanneen gaaffiin kun dhiyaateef akkuma baratame yeroo dhaan deebii kennuu dhabuu isaaniin kan ka’e naannolee Oromiyaa adda addaa keessatti haala suukaneessaa ta’een lubbuun namaa darbee qabeenyaan manca’eera.

Kanaaf IHADEG balaa dhaqqabe kanaaf itti gaafatama fudhatee maatiiwwan namoonni duraa du’aniif gumaa baasuu qaba jedhan obbo Gebruun.

Ayyaan laallttootaan utuu hin taane namoonni kabajamuu mirga dhala namaa irratti ejjennoo hin daddaaqamne kan of keessaa qabu komiishnni dhuunfaa hundaa’ee dhimma isaa akka qoratuu fi dhimma isaas IHADEG uummata keenyaaf mul’inatti akka beeksisu barbaanna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG