Xurree ittiin seenan

Breaking News

Porofeeser Mohaammad Abbaa_Jabal Xaahiroo Senetera Amerikaa Tahuuf Dorgomuutti Jira


Porofeeser Mohaammad Xaahiroo,Teksas, Koollejjii "Collin College" Jedhanitti barnoota Dinagdee "Industrial Economy" barsiisa
Porofeeser Mohaammad Xaahiroo,Teksas, Koollejjii "Collin College" Jedhanitti barnoota Dinagdee "Industrial Economy" barsiisa
​Abbaa ijoollee afuriiti, nama ganna 45ti, eegi Baalee Dodolaa bahee Amerikaa dhufee ganna 27 keessa jira, porofeeseri Mohaammad Senetera Amerikaatti kutaa Teksas tahuuf dhuunfaatti dorgomuutti jira.

Porofeeser Mohaammad baasii Amerikaa ta haga dabartee fil liqee isii haga hin qmane ta dhaloota dhufu irratti tuulamuutti jirtu diqqeessee akka baqataan isiilleen seerii guutameef jiraatuu fi akka daariin Ameerikaa eegamuu dandeettu tolchuuf dorgomaa jedha.

Hujii gugurdoo akkanaa tanaaf dorgomuuf doolara miliyoona hedduutti itti bahaa horii kana argachuuf humna qabdaa jennaan,”humnitii tiyya ummata,jedha.”

Gama kaaniin hujii gugurdoo akkanaa tanaaf dorgomuuf namii hedduun nama beekuu malee namii hagam porofeesera Mohaammad beeka jennaan,hujii ummatii bu’aa irraa argatu hojjachuuf hujiitti nama beeksisaa namii addunyaa tana jijijjiire hedduun hujuma isaaniitti isa beessisee jedha porofeeser Mohaammad.

Namii dorgommii te tana irraa maan barata jennaan Amerikaan nama cufaa carraa wal qixxee kennitee abbaatti hamtuu fi toltuullee keessaa filatee waan fedhe tahuu dandahaa jedha profeesera Mohaammad.

Porofeeser Mohaammad ufuma fulaa bu’ee dorgoma malee paartilee Demokiraati ykn Rippaabilikaanillee keessa hin jiru. Koollejii Koolin jedhanitti barsiisaa damee barumsa Industrial Economy jedhaniiti.

Godinii Teksas profeeser Mohaammad keessaa dorgomu kun godina perzdaanti Buushii fi abbaan isaa perzdaantiif keessaa filataman ta haga guddaan paarti Rippaabilikaan itti moohan.

Filannoon Amerikaa ji’a shaniin duubatti Sadaasaa keessaa jlqabanii porofeesera Mohaammad qaata dorgommiittti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG