Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biraazilii fi Meksikoon 0-0,Beljiyeem Aljeeriyaa 2-1 Moote, Dorgommiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Guyyaa 4essoo Keessa Jirti


Dorgommii kubbaa miilaa addunyaa Biraazilitti itti jiran tana biyya 32 taphachuutti jira
Dorgommii kubbaa miilaa addunyaa Biraazilitti itti jiran tana biyya 32 taphachuutti jira
​Dorgommi kubbaa miilaa waancaa addunyaa Biraazlitti itti jiran haga ammaatti goolii 47 gale. Biraazilii fi Meksikoon 0-0,Beeljiyeem Aljeeriyaa 2-1 mootee Raashiuyaa fi Kooriyaan Kibbaa eeguutti jiran.

Dorgommii biyyootii 32 istaadiyoomi Biraazil 12 keessatti taphachuutti jiran tana Biraazil, Meksikoo,Koostaa Rikaa, Xaliyaana, Faransaay faatti qabxiin wal duraa duuba jira.
Taphataa Jermenii Toomas Muller ammo goolii sadii galchee tokkeessoo jira.

Dorgommiin tun laakkuma bulee kaatuun oowwa deemuutti jirti. Tapha Beeljiyeemi Aljeeriyaa irratti qaraa Aljeriyaatti daqiiqaa 23essoo irrati goolii galfate.Beeljiyeem ammoo daqiiqaa 70essoo fi 80eessoo irratit galfattee 2-1 moote.

Dorgommii guyyaa shaneessoo tana keessatti woma hedduutti mummulate.Jarii wal moohe akka jajjabaan wal moohuu,taphataa Poortugal Cristiano Ronaldo waan irra eegan dhadahbee dirree keessa utaalaa goolii tokkoollee dhabee galuu,e Jermeniin Poortugal 4-0,Nezeralandi Ispeen 5-1 dhaantee baasuu fa.

Gama kaaniin ammoo taphataan Amerikaa ka tapha Gaanaa waliin taphatan irratti ribuun oli rifatte tapha dhiisee bahe Jozy Altidoori dorgommii tanatti deebihuu fi dhibaachuun isaa mirkanaa miti. Deebihuu dhabuun isaa ammoo USA miidhuu dandeetti.

Woma taateefuu USA Waxabajjii 22,Poortugaal waliin istaadiyoomi Amzooniyaatti taphatti

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG