Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa keessatti dararaa fi hidhaan itti fufee jira jedhu gareeleen mormituu


Paartiin mormii siyaasaa Kongresiin Federaalawaa Oromoo godinaalee hedduu keessatti namoota hidhuu fi dararuun bal’inaan itti fufee jira jechuu dhaan balaaleffata.

Amboo Gindabarat Gimbii fi Anfilloo akka fakkeenyaatti kaasuu dhaan dubbatan Raadiyoo Sagalee Ameerikaatiif barreessaan paartichaa obbo Baqqalaa Nagaa.

Jiraataan aanaa Anfilloos waa’ee dararaa raawwatamuu kanuma obbo Baqqalaan ibsan tuquu dhaan dubbataniiru. Namoota hidhuu fi dararuun maaliif geggeessama, namoonni maaliif dimshaashaan walitti qabamanii hidhamu, sababaan maali isa jedhuuf immoo qorataa yakkaa aanaa Anfilloo obbo Moonaan Simoon shakkamtoota farreen nageenyaa jedhamantu qabamee qorannaan geggeessamaa jira jechuu dhaan kan Qellem Welleggaa aanaa Anfilloo magaalaa Ashii keessatti torban lamaan darbe ajjeefame du’uu daragaggoo Daawit Waaggaariis qoratamaa jiraachuu isaa nuuf ibsanii jiru.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:34 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG