Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senataroonni USA Lama “Haalli Mootummaan Itiyoophiyaa Mirga Dhala-namaa Keessumaa Kan Oromoo Itti Qabee Jiru Nu Yaaddessa,” Jedhan


Senator Al Franken
Senator Al Franken
Itiyoophiyaa keessatti, mirgi dhala- namaa fi ol’aantummaan seeraa kabajamuu dhabuun kan isaan yaadchise ta’uu kan ibsan Senetaronni Yunayitid Isteets lama, kaleessa galgala, xalayaa Ministara Dhimma- alaa Yunaayitid Isteets – Joon keeriitti barreessaniin beeksisanii jiran.

Galmeen eegumsa mirga dhala-namaa Mootummaa Itiyoophiyaa hamaa ta’uun isaa fi kun immoo hariiroo Yunaayitid Isteets Mootummaa Itiyoophiyaa waliin qabdu irratti jijjiiramni fide mul’achuu dhabuun nu yaaddesse ka jedhan – Seneetaroonni kutaa Minesootaa bakka-bu’an lameen – Al Fraankinii fi Amii Kiilo-Baashaar.

Keessumaa ka biyyattii keessatti baay’ina uummataan guddicha tahe - Saba Oromoo haala itti mootummaan Ethiopia qabee jiru irratti yaaddoo qabaachuu isaanii fi kabajamuu seeraa fi qabiyyee dhala-namaa dabalee deemsi dimookiraasii hunda hirmaachisu dhabamuun yaaddessaa ta’uu isaa ibsan – xalayicha kaleessa galgala Joon Keeriitti ergan sana keessatti.

Akka xalayaan Senator Al Fraankinii fi Senator Amii Kiloobaashaaritti dhhiheenya kana – fakkeenyaaf, gareen mirga dhala-namaa Hiyuumaan Raayits Waach barattoota, daangaa magaalaa Finfinnee bal’isuuf karoora bahe mormuun hiriira nagaa bahan dhaabsisuuf -- humnoonni naga-eegumsaa Itiyoophiyaa humna gitaa-olii gargaaramuu gabaasee jira. Bakka tokko tokkotti mormii sanaaf deebiin hookkaraa kenname du’a hiriirtotaa illee dubbate.
Senatara USA Amii Kiilo-Baashaar
Senatara USA Amii Kiilo-Baashaar
​Yaaddoon isaanii inni guddaan Itiyoophiyaa keessa, mormii polotikaaf iddoon banaan jiruuchuu dhabuu akka tahe ka dubbatan - Senataroonni Yunaayitid Isteets lameen filannoon Itiyoophiyaa fuul-dura keenyaa ka Caamsaa, 2005 geggeessamuuf deemu dhugumatti, walabaa, madaalawaa fi banaa ta’uu isaa irratti yaaddoo amansiisaa qabna - jedhanii jiran – Senaator Fraankinii fi Senaator Kiloobaashaar.

Akka xalayaa isaaniitti , bara 20014 Kongiresiin Yunaayitid Isteets marii waa’ee baajetaa geggeesseen -- gargaarsa humnoota waraanaa fi poolisii Itiyoophiyaaf kennamuuf haal-duree lafa kaa’ee jira.

“Gargaarsa kana argachuuf” - Mootummaan Itiyoophiyaa -- imaammata -- walabummaa murtii seeraa, walabummaa yaada ofii ibsachuu, kan ijaaramuu, kan walga’uu fi kan amantii tiksu -- kan paartiilee polotikaa, jaarmayaalee hawaasaa, gaazzexeesotaaf mirga walabummaan socho’uu fi murtii haqaan ilaalamuu kennu hojii irra oolchuu qaba - akka haal-duree Kongiresii Yunaayitid Isteets lafa kaayame sanaatti jedhu – Senaataroonni lameen.

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Joon Keerii, ennaa dhiheenya gara Itiyoophiyaatti imalanitti, hojii jaarmayaa hawaasaaf akka carraan wayyaawaan banamu dubbatanii, waa’ee walabummaa Preesii fi walabummaa yaada ofii ibsachuu biyyattii keessaa irratti yaaddoo qaban beeksiisuun isaanii mallattoo gaarii isaan jajjabeesse tahuu kan ibsan – Senator Fraankinii fi Senaator Kiloobaashaar.

keessumaa, hiriira dhiheenya geggeessame irratti kanneen humna seeraa-alaa gargaaramani fi tarkaanfii hookkaraa fudhatan seeratti dhiheeffamuu isaanii, Ministarichi akka mirkaneeffatanii fi hariiroon Yunaayitied Isteetsii fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduu kabajamuu mirga dhala-namaa fi ol’aantummaa seeraa akka ilaalcha keessa galchu, xalayaa kaleessa Joon Keeriitti ergan kanaan gaafatanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG