Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seneterootii USA,Mootummaan Itoophiyaa Oromoota Hiriira Bahan ‘Humnaan Itti Dhufe,” Jechaatti Yaaddahanii Ministera Haajaa Alaa Isaaniitti Xalayaa Barreessan


Senater Mariya Cantwell
Senater Mariya Cantwell

Asiin duratti seneteroota Amerikaa kutaa MN-tti mirga dhala-nama Itoophiyaa keessumattuu ka Oromootti yaaddahanii ministera haajaa alaa Amerikaatti xalyaa ergan.

Ammma ammoo seneteroora kutaa Seattle Washington Paatii Murraayii fi Maria Cantwell faatti ministera haajaa alaa Amerikaa Joon Keeriitti xalyaa barreesse.

Akka seneterootii kun jedhanitti kutaan isaanii (Seattle Washington) godina namii Itoophiyaa hedduun keessa jiraatu.Akka isaan gabaasa nama Oromoo hedduu irraa arganne jedhaniin barreessanitti Oromoon Itiyoophiyaa ttikeessatti mirga namummaa hedduu dhabu.

Hiriira nagaa hawaasii Oromoo magaalii Finfinnee seera malee aanalee Oromiyaatti baballifamte jedhanii hiriira bahan irratti mootummaan jeequmsaan itti dhufuu duwwaa mitii gaazexeessitotii oduu tana gabaasanis hidhamuun waan nama jeeqaati jedha gabaasni kun.

Senator Patty Murray
Senator Patty Murray

“Barattootii Oromoo karoora mootummaan magalaa Finfinnee Oromiyaatti baballisuuf qabu falmuun hiriira hedduu bahuun beekamaa.Hawaasnij Oromoo ammoo Oromootii lafa baballisuun kun qonnaan bulaa Oromoo lafa dhabsiisa,jedha.”

Seneterootii Amerikaa ammoo waahee hiriira kanaatii fi deebi iitti kenname baruu barbaadan.

  • Master Plan mootummaan Itoophiyaa Ebla 24,2014 baase mirga abbaa biyyummaa qonnaan bulaa Oromoo akkamiin miidha?
  • Mootummaan Itoophiyaa yaaddoo Oromoo kana deebii akkam kenne?
  • Oromootii Oromummaa isaaniitiin seera malee hidhamuu,dararamuu,ni ijjeefamuu?
  • Oromootii seera malee eennummaa isaaniitiin dhaabbilee barnootaatii harihamuu?
  • Minisitriin haajaa alaa USA yaaddoo tana akkamitti ibse?
  • Hawaasa Oromoo ykn mootummaa Itoophiyaa waliin yaaddoo tana irratti mari’achuuf karoorii qabame jiraa?

Seneterootii kun tana malee akka ministiriin haajaa alaa Itoophiyaatti demokiraasii fi olaantummaan seeraa jabaattu feena jedhan.

USA tana hojjachuuf akka seneterootii kun jedhanitti demokiraasiitti fayyadamanii mootummaa wayyaahaa qabaachaa,mirga ilmaan namaatii fi dignadee hunda qabdu qabaachuuf hojjatan feeti.

“Godinii keenna (Seattle Washington) namoonnii Itoophiyaa waan rakkoo biyya isaanii himachuuf akka fedhanitti hiriira bahanii akka jeequmsii biyya isaanii dhaabtu akka fedhanitti gaafatan,” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG