Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Yaadannoo Dararamtootaa Addunyaa Irratti Yaadatame


Torture Abolition and Survivors’ Support Coalition yokaan TASSC ka jedhamu, dhaabbatni dararaa Addunyaa kana irraa dhabamsiisu fi namoota dararaa jalaa bahan gargaaruutti bobba’ee jiru baatii dabre kana, Waxabajjii 24-29tti as Waashington keessatti, walga’ii fi hiriira waamuun guyyaa yaadannoo dararamtootaa ka waggaa ayyaaneffatee jira. Waga’ii waamuu fi hiriira geggeessuu dhaa ala hoogganoota mootummaa Yunaayitid Isteetsii fi ka dhaabota addaa waliin haala itti dararaan biyyoota Addunyaa keessaa dhaabbatu irratti mari’ataa ture, jaarmayaan kun. AKka Jaarmayaan mirga dhala-namaa Amnestii Internaashinaal gabaasetti bara dabre kana biyyoota Addunyaa 141 keessatti dararaan dhala-namaa irratti geggeessame.

Kanneen guyyaa yaadannoo dararamtootaa Addunyaa as Waashingtoon keessatti geggeessamee irratti hirmaatan keessaa tokko kan Itiyoophiyaa keessatti dararaan irratti geggeessamuu irraa qaamni isaanii laamsha’ee barcuma konkolaatu (Wheelchair)n sosso’an, Obbo Huseen Ahmedi. Gaaffii fi deebii Obbo Huseen Ahmed waliin geggeessame dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:23 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG