Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Obaamaan Garee Finxaaleyyii barbadeessuuf dhaadatan


President US Barack Obaman gareelee finxaaliyyii tarsiimoo ittiin rukkutuun danda’amu lafa kaa’uu dhaan duulli US garee syria keessaa irratti geggeessitu haleellaa samii irraanii kan of keessaa qabu ata’uu beeksisaniiru. Tarsiimoon isaanii kun seera tumtoota Ameerikaa biraa deebii wal makaa ta’e dhaqqabsiise.

Bulchiinsi isaanii finxaaleyyii kanatti duuluuf gamtaa sadarkaa addunyaa kan uuman si’a ta’u loltoonni US garuu lolaaf gara Iraqitti hin deebi’an jedhan.

President Obaman kaleessa galgala haasaa lammiiwwan Ameerikaaf dhageessianiin tarsiimoo xiinxaltoonni duulli humnootii US hirmaachise kan garee finxaaleyyii irratti geggeessamu fi yeroo dheeraa fudhatuu mala jedhaniif tarsiimoo jiru lafa kaa’aniiru.

Presidentichi akka jedhanitti tarsiimoon sun haleellaa samii irraan geggeessamu kan Iraqiin bira taru bakka xayyaaronni waraanaa US torbanneen darban keessa garee finxaaleyyii Islaamummaa kanneen ISIL jedhaman haleellaa turan dabalata.

shororkeessota kanneen biyya keenya balaa irra buusan bakka isaan jiranitti faana dhoofnee ni adamsina. Sana jechuun ISIL kanneen Syria fi Iraq keessa jiran irratti tarkaanfii fudhachuuf boodatti hin deebi’u.

Kun qajeelfama ijoo kan presidentummaa kiyyaa ti. Yoo Ameerikaa ni doorsisata taate, bakka dhokattee baatu hin qabdu jedhabn.

Duulli sun hammamiif akka geggeessamu yeroo isaa kana hin jenne presidentichi. Angawoonni US hangi tokko garuu waggoota hedduu fudhachuu mala jedhan. Michoota NATO fi mootummaa warra Sunniin hoogganamu akkasumas humnooti mormitootaa yaada madaalawaa qaban kanneen Syria keessaa waliin gamtaa uummachuuf karoorfachuu isaaniis ibsaniiru.

President Obaman akka jedhantti kaayyoon isaa keenya garee finxaaleyyii kanneen dhiyeenya kana gaazexeessota US lama morma muruu dhaan lammiiwwan Ameerikaa rifaasisan kana barbadeessuu dha.

Republikaantichi dura taa’aan koree dhimmootii alaa kan mana maree Ed Royce president obaman garee ISIL dhabamsiisuuf gamtaa uumamu hoogganuu isaanii simatanii jiran. Garuu jedhan Ed Royce tarkaanfii fudhachuuf yeroo dheeraa isaan fudhate jechuun VOAf ibsaniiru.

Gama biraan demokraatichi NY Eliot Engel VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin presidenti Obaman garee fincaaleyii ISIStti duuluuf sababaa ga’aa fi cimaa kennaniiru jedhan

White House irraa ibsi kenname akka jedhutti president Obaman hoogganoota mana maree bakka buutotaaf ibsa kennaniin mirkanuu seera tumtoota Ameerikaatiin ala garee ISIL irratti duuluula geggeessamu kan itti fufan ta’uu dubbatan.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:42 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG