Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Biyyootii Arabaa fi hawasni muliimaa US keessa jiran gocha ISIL balaaleffatan tarkaanfiis ni fudhanna jedhan


Akkuma hoogganaa waajjiraalee White House kan ta’an Denis McDonough jedhanitti ministriin dhimma alaa US John Kerry-n erga michoota giddu galeessa bahaa keessajiran waliin erga wal arganii booda biyyoonni hedduun garee finxaaleyyii warra Sunni haleeluuf walii galaniiru jedhan jechuun caasaan TV ABC gabaasee jira.

=Kan nuti mirkaneessuu barbaannu michoota cicha qaban kanneen lola lafoo ISIL irratti oofamu qabaachuu keenya. Deggersa haleellaa samii irraan geggeeffamu nu biraa hin argatan. Garuu leenjii fi meeshaalee ni argatu jedhan.

Humnootiin United States dirree waraanaatti utuu hin bobba’in garee finxaaleyyii Islaamummaa kana injifachuuf walta’iinsa kana uumuun baay’ee barbaachisaa dha. McDonough akka jedhanitti ka biroo kan nama jajjabeessu immoo mootummaan Iraq kan garee hunda hirmaachise hundeeffamu isaa ti jedhan.

Yeroo ammaa mootummaa gosoota hedduu hirmaachise haaraatu Bagdad keessatti uumame. Waraana Iraq tokkoome, dandeettii qabuu fi gosoota hedduu irraa walitti dhufes ni deggeru. Duula ISIL irratti geggeessamu keessattis ni hirmaatu.

Seera tumtoonni filanoo walakkeessa marsaa kan baatii Sadaasaaf wal ga’aa wayita jiran kanatti tooftaa presidenti Obaman garee finxaleyyii kanatti duuluuf lafa kaa’an mirkaneessuuf sagalee kennuuf dhiisuun isaanii hin beekamin jira.

Gama biraatiin immoo presidentiin Ferensaay Francois Hollande garee ISILtti duuluuf gamtaan akka uumamuuf waamicha president Obamaan godhaniif deebii kennuuf jecha ministrii dantaa alaa US John Kerry fi mnisteerota dhimma alaa biyyootii Arabaa fi Awrooppaa waliin paris keessatti wal araganii jiran.

Johan Kerryn Paristti kan imalan marii Bagdad, Amman, Jeddah, Ankara fi Cairo keessatti gamtaa snatti akka dabalamaniif hoogganoota biyyoota Arabaa waliin marii torban tokkoo erga geggeessanii booda.

Doorsisi garee kanaa hamaa ta’uu isaa angawoonni biyyootii Arabaa walii galanii, garee ideology garee kanaa dadhabsuu deddeebii loltoota deggeruuf maallaqa deddeebisamus cimsanii ugguruuf walii galaniiru jechuu dhaan angawoonni US beeksisaniiru.

Hoogganoonni hawaasaalee Musliimaa kanneen US keessaas hookkara ISIL-n geggeessamu balaaleffatanii jiran.

As naannoo Washington kan jiru bakka Daulles jedhamu keessatti argamu hawaasi musliimaa mariin amantiwwan adda addaa gidduttigeggeessuu dhaan waa’een Islaamaa akka beekamu barsiisuun beekama.

Imam Mohamed Magid akka jedhanitti musliimonni YS hookkara gara jabinaa gareen ISIL geggeessanitti hedduu kan gaddan ta’uu isaanii fi haala giddu galeessa bahaa keessati uumamaa jiruuf itti gaafatamoo dha jedhan.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:23 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG