Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Ibolaan Qabamuun Dabalaa Jira


Afrikaa dhiyaa keessatti dhukkuba Ibolaa dhabamsisuuf yaalii guddaan hin godhamu taanaan baatilee dhufan keessatti namnii kuma kurna hedduun kan dhukkubichaan qabamuuf jiru ta’uu qorannaan haaraa gaggeeffame hubachisee jira.

Weerara dhukkuba Ibolaaf deebii addunyaan kenne duubatti hafaa akka ta’e kan ibse qorannaan kun dhukkubicha dhabamsisuuf ykn faca’iina isaa hanqisuuf waan hedduutu hojjatamu qaba jedha.

Lakkoobsii namoota dhukkubsatanii inni amma tilmaamame hanga baatii Onkololeessa dhufuu dhumaatti dachaa 4 dabaluuf jira.Baatii sadaasa dhufu jalqaba irratti biyyoota Ibolaan keessatti rakko umee Laayberiyaa Ginii fi Seeraaliyoon keessatti namoota dhukkuba Ibolaan qabamuun isaanii mirkanaa’uu akkasumas shakkamuu kuma digdamatuu argamuuf jira.

Kanneen Ibolaan isaan qabe keessaa harka 70 kan ta’an du’un ibsamee jira. Rakkoo dhukkubii Ibolaa Laayberiyaa keessatti dhaqqabsisaa jiru bu’aa gama hawaasummaa siyaasaa fi dinagdeen argame duubatti deebisaa jira jedha Tokkummaan mootummotaa.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhutti torban darbe Laayberiyaa keessatti sa’atii 24 keessatti namnii 113 vaayrasii Ibolaan haaraa qabaman.Dhimmi ijoon ilaalcha duraa argachuu qabu lakkoofsa ogeessootaa tajaajiila eegumsa fayyaa biyyatti keessa jiran dabaluu dha.

Laayberiyaan yeroo ammaa Doktooroota Narsotaa fi kanneen isaan gargaaran 10 keessaa harka tokko qofa qabdi. Garu lakkoofsa namoota Ibolaan qabamanii gara mana yaalaa geessamaa jiran dabalaa yeroo jiru kanatti Hospitaalonni immoo siree dhukkubsataan irra cisee wal’anaman hin qaban.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:42 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG