Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormitoonni Embaasii Itiyoopiyaa ka Washington DC weeraran shorokeessotattii hidhata qabu jedha mootummaan Itiyopiyaa


Dubbi himaa ministrii dhimma alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Diinaa Muftii
Dubbi himaa ministrii dhimma alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Diinaa Muftii

Kan Washington DC keessatti argamu Embasii Itiyoopiyaa keessatti haalli uumame addunyaa mara waliin kan jiru faallaa hariiroo diplomaasummaa ti jechuu dhaan ministeerri dhimma alaa beeksisee jira.

Dubbi himaan ministeerichaa akka jedhanitti weerara sana kan raawwatan kanneen dhaabolii shororkeessotaattii hidhata qaban jedhan.

Har’a waaree booda dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoopiyaa ambasador Diinaa muftii ibsa gaazexeessota biyya alaaf kennan irratti ture jecha cimaa kana kan dubbatan.

Torban kana keessa embasii Itiyoopiyaa kan washington DC jiru keessatti haala uumame jedhame kan sabaa himaaleen adda addaa gabaasaa turan jedhame akka ibsaniif kan gaafataman ambasador diinaan dhimma isaa hundee dhaa qabee ilaaluun barbaachisaa dha jedhan.

Walii galtee Vieana-s haa ta’u walii galteelee diplomaasummaa kanneen biroon akka agarsiisanitti biyyootiin keessummeessan nageenya embaasilee fi dallaa isaa akkasumas biilsaalee hojjettoota isaa fi qonsiilaawwanf eegumsa gochuuf itti gaafatamatu irra jechuu dhaan haala embasicha keessatti uumame ibsaniiru.

Haalli akkasitti uumame da’oo embasii Itiyoopiyaa washington DC jiruuf godhamuun irra ture kan cabse ture.

Da’oo embasiif godhamu gocha cabse qofaa utuu hin taane dahhata seeraa kan diplomaatota achi keessaa hojjetanis kan cabse ture. Kana gitoota keenya kan Ameerikaa waliin kaasnee mari’annee jirra. Dhimma cimaa dha.

Akka isin beektan kan ani fedhu, Namoonni yartuun gocha kana raawwatan Itiyoopiyaatti qaama aboo ol aanaa qabu paarlaamaa biyyattiin paartilee shorokeessummaatti hidhata qabu jedhamanii yakkaman waliin kanneen hariiroo qaban ta’uu isaanii ti jedhan.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:39 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG