Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaykil Felipsi, Atileetiin Amerikaa Bisaan Daakun Addunyaatti Beekamu Farsoo Dhugee Makiinaa Oofe Dorgommii ji'a 6 Irraa Dhaaban


Maaykil Felipsi,atileetii USA bisaan daakuun addunyaa irratti beekkamumadaaliyaa warqii 18 moohee.
Maaykil Felipsi,atileetii USA bisaan daakuun addunyaa irratti beekkamumadaaliyaa warqii 18 moohee.
Maaykil Felipsi,bisan daakuun madaaliyaa warqii 18 moohe.Amma farsoo dhugee mataa machiitiin makiinaa oofe jedhani dorgommii ji'a 6 irraa dhaaban.
Maaykil Felipsi,bisan daakuun madaaliyaa warqii 18 moohe.Amma farsoo dhugee mataa machiitiin makiinaa oofe jedhani dorgommii ji'a 6 irraa dhaaban.

Amerikaatti farsoo dhuganii makiinaa oofuun seera malee. Atileetiin Amerikaa dorgommii bisaan daakuutiina addunyaatti beekamu Maaykil Felipsi,[Michael Phelps] Fulbaana 30,2014 isaa mataa machitiin makiina ooofu karaa Baaltimor,MD irratti tiraafikiin qabee himatanii dorgommii irraa dhaaban.

Felipsi,atileetii ganna 29 dorgommii olompikii afur irratti warqii badhaafame, irratti marroo 20 madaaliyaa badhaafamee kana keessaa 18 madaaliyaa warqiiti.

Balleessaan isaan himatan karaa saatii km 40 oofan irratti innii 134 oofee qabame. Akka daarekterii Daakuu Bisaan Amerikaa,Chuck Wielgus jedhetti hujiin atileeti kanaa balleessaa guddoo murtii jabduu feetu.

Itti gaafatamaan guddaan Koree Olompikii Amerikaalleen murtiin tun waan tahuu male. Yoo dorgommii ispoortii irraa dhaaban kanatti Felipsi,barnoota nama amala akka isaa qabu,ka farsoo dhugee makiinaa oofu barsiisan barata. Felipsi ji’a jahaaf boqonnaa fudhadhee akka ani akka dansaa ufi beekuuf wa na barsiisuutti jiran jedhe Tiwiiterii isaa irratti erge.

Dorgommii Hockey(Qillee)

Ispoortii Amerikaatti bebeekamtu gugurdoo keessaa tokko Hockey, dorgommii afaan keennaan Qillee jennuu tana.Liigii kilabaata Hockey Amerikaa,NHL jedhan.Cabbii irratti kophee goommaa qabdu naqatanii cabbii irra mucucaachaa tapahtan.Dorgommii baranaa Onkololeessa 8,2014 Roobii dhuftu jalqaban.NHL,kilabii 30 qabdii,23 Amerikaa 7 Kanadaati.

Kilaboota tana akkuma quftuma isaatiin kilabii gama Bahaa,gama Dhiyaa,magaala gugurdoo fa jedhanii maqaa kennaniif. Kilabiin Hockey WDC,Caps., jedhanii,kamisa dhufu kiaabii Kanadaa Candaines waliin tapahtti.Walumattuu kilabota 30 haga Ebala dhufuu Amerikaa fi Kanadaa irra maree tapahta.

Atileetiksi

Chaayinaa magaalaa Nanningitti atileetota 600 biyya 70 keessa dhufanitti Chaampiyonaa Jimnaastikii addunyaa irratti dorgommiitti jira.Amerikaalleen atileetota hedduu ergatte.Atileetotii 600 ta biyya 70 keessaa dhufan Chaayinaa magaalaa Nanningitti dorgommii Artistic Gymnastics Championships jedhan 45essoof dorgomuutti jira.Guyyaa dheengaddaa jalqabanii guyyaa 6n duubatti dhumatti.

Amerikaan dorgommii tana iratti atileetota addunyaatti bebeekaman kurnya tahan ergatte.

Dorgommii kilaboota English Premiere League ittuma jiranii manaajera kilabii Cheelsii Joosee Moriinoo fi ka kilabii Arsenal Arsene Wenger tapha kilaboota isaanii irratti wal dhabanii harkumaan gargar qaban.

Jarii kun tapha Onkololeessa 5,Chelsii fi Arsenal taphatan irratti wal falmee achumaan wal dhabe.Akkuma taphii jalqabeen daqiiqaa 20eesso irratti manajerii Arsenal akka taphataan Cheelsii Gary Cahill, taphataa Arsenal Alexis Sanchez,seera malee miila dhaabe dorgommi bahu malee fi manajeerii Chelsi ammoo bahuu hin mallee irratti wal dhaban.

Falamaan oowwitee Morniinoo f Arsene barucmaa irratti walti kakahnii wal fallaadanii wal dadarban.ii haga quba ila wal kaahuutuu gahan.Manajerii Chelsii manajera Arsenaaliitiin falii ke malkaa si hin dabarsu,ati jiguun beekmata jedheen namuu woma akkanaatiin wal arrabsa. Arsenaalii fi Chelsiin marroo 12 waliin taphatanii 12nuu Chelsiitti moohee kalee 2-0 adabe.

Dorgommii EPL tana amma Chelsiitti qabxii 19n dura jira Manchester Cityitti 14 faana jira,South Ampton sadeessoo,Dorgommi kaleetti Hull Cityn Crystal Palace 2-0, Mancheser City Aston Villa 2-0 mootee walumattu Sanbata lamaan irratti goolii 27 gale.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG