Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi ministeeraa Itiyoopyaa Ebola Ittisuuf Qophee irra jirra jedhan


Har’a mana maree bakka bu’oota uummataatti kan argaman muummichi ministeeraa H/Mariyaam Dessaaleny miseensota biraa kan dhiyaatan gaaffilee adda addaaf deebii kennaniiru.

Weerara Afriikaa dhiyaa keessatti ka’eef addunyaa yaaddessaa jiru dhibee Ebola ilaalchisee gaaffiin dhiyaateef kanneen keessaa ti.

Itiyoopiyaan sadarkaa Afriikaatti qooda akkamii qabaachuu akka yaaddu kan gaafatan miseensa mana marii dhuunfaa tokkicha kan ta’an Dr. Ashebir W/Giorgis turan.

Muummichi ministeerichaas deebii kennaniin lammiiwwan Itiyoopiyaa fedha ofiin hojjetan bobbaasuuf irratti hojjetamaa jira jedhan.

Itiyoopiyaan biyya Afriikaa keessaa biyya guddoo tokko, baay’ina lakkoobsa uummataatiin sadarkaa lammataa irra biyya jirtu waan taateef gama kanaan obbolootaa fi obboleettota keenya Afriikaa gargaaruuf qooda gama keenyaa ba’uu qabna.

Ogeessota humna ittisaa keenya keessa jiranis haa ta’u ogeessonni keenya kan eegumsa fayyaa keenyaa fedha ofiin akka hirmaatanii fi wal ta’iinsa sadarkaa addunyaa akka agarsiisan gochuuf hojjetamaa jira. Kunis of eeggannoo guddaa dhaan hojjetamuun kan irra jiru ta’uu hubannee jirra jedhaniiru.

Kana gochuu dhaanis sadarkaa Afriikaatti sochiin qindaa’e akka jiraatu Itiyoopiyaan qooda gama isee ba’uu jalqabdeetti jedhan muummichi ministeerichaa.

Lammiiwwan Itiyoopiyaa fedha ofiin hojjetan haala kamii fi bifa akkamiin bobbaasuuf akka karoorfame garuu ibsa bal’aa hin kennine. Sochii biyya keessatti godhamaa jira jedhan garuu ibsaniiru.

Akkuma kanaan itti aanaa muummicha mnisteeraa Demeqee Mokonneniin kan hoogganamu koreen sadarkaa biyyaa hundeeffamuu isaas ibsanii jiran. Ebolan dhukkuba qofaa utuu hin taane dhimma nageenyaatis kan jedhan obbo H/mariyaam hojiin jalqabaa biyya keessatti hojjetamu hubannoo uumuu dha jedhan.

Gama biraatiin immoo muummicha ministeerichaaf gaaffiin dhiyaate ka biroon mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaa kan ilaale ture.

Presidentiin Kenya Uhuru Kenyaattaa dhiyeenya mana murtichaa duratti dhiyaachuu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef muummichi ministeerichaa manni murtiichaa kan sadarkaa addunyaa kun hoogganoota Afriikaa adamsa jedhan.

Waaltaan kun Afriikaa keessa dhiittaan mirga namaa akka hin jiraanne kan jedhu yaada gaarii, ilaalcha gaarii fi tarkaanfii gaarii fuula isaa dura kaa’uu dhaan garuu dhaabbata hagguuggii fuulatti kaayyatee hoogganoota Afriikaa adamsu ta’ee jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG